Isinis sagalee keessan kennuuf ni deemtu.
Haa ta’uutii wayita sagalee laachuuf gara buufataalee filannoo deemtaan wantoonni gara buufataalee filannoon akka hin seenne dhorkaman jiru.
Of eeggannoof jecha wantoota kanneen isin yaadachiifna.
1.Waraqaaleen, Poostaroonni fi barreeffamoonni kakaasii filannoof oolaan,
2. Meeshaaleen waraanaa yookaa meeshaaleen qara qaban,akkasuma Uleen, Alangaan, sibiiloonni, wantoota dhukaafamoo fi dhangal’oo qabatanii gara buufataalee seenuun dhorkaadha.
3. Wantoota dhorkaa kanneen akka tasaa yoo qabattanii gara buufataalee deemtan akkaataa qajeelfamaan qaamolee hiriira filannoo kabachiisan bira kaa’achuun seenuun ni danda’ama.
#Oromia #Ethiopia