Finfinnee, Onkololeessa 6, 2019 (FMC) – Bulchiinsi Imaanaa Mootummaa Federaalaa Naannoo Tigraayitti har’a hundaa’e nageenyaa fi misooma waaraa mirkaneessuuf gahee olaanaa qaba jedhan Dura Taa’aan Paartii Diimokiraatawaa Tigraay Dooktar Aragaawii Bariheen.
Manni Maree Federeeshinii akkaataa heera mootummaa Keeyyata 69 muraa (9) fi Labsii lakkoofsa 359/1995 keeyyata 14 muraa 2 B’n bulchiinsi Imaanaa Mootummaa Federaalaa naannoo Tigraay akka hundaa’u murtoo dabarsee fi bu’uura aangoo Mana Maree Ministirootaaf kennameen mootumman Federaalaa murtoo Naannoo Tigraay waaressu murteesseera.
Kanaanis bulchiinsi Imaanaa Mootummaa Federaalaa naannoo Tigraay baatiwwan jahan itti aananiif naannicha bulchu hundaa’era.
Bulchiinsichi hundaa’uun barbaachisaa fi tarkaanfii murteessaa ta’uu Dooktar Aragaawii Bariheen ibsaniiru.
Murtichi mootummaan Federaalaa naannichatti jijjiirama hundagaleessa fiduuf murannoo qabaachuu agarsiiftuudha jedhan.
Nageenyaa fi misooma waaraa naannichaa mirkaneessuuf gahee olaanaa qabaachuu kaasan.
Qaamoleen raawwachiiftoota bulchiinsichaa ta’uun muudamanis itti gaafatamummaa isaanii sirnaa akka bahana gaafataniiru.
Paartiin isaanii nageenyaa fi misooma ummataa, akkasuma sirna heera mootummaa naannichatti mirkaneessuu keessatti deeggarsa irraa eegamu kan bahatu ta’uu mirkaneessaniiru.
#Itiyoophiyaa #BiyyaGuddoo #UummataGuddaa #MullataGuddaa