Finfinnee, Onkoloolessa 6, 2019 (FMC) — Itiyoophiyaan fi Yuunaayitid Kiingidam tumsa isaanii tarsiimawaa faayidaa waloo irratti hundaa’e caalaatti guddisuuf kutannoo qabaachuu isaanii ibsaniiru.
Yaa’ii Waggaa Dhaabbata Maallaqaa Idil-addunyaa (IMF) fi Baankii Addunyaa bara 2026,Taayilaand, Baankook keessatti guyyaa shanaffaaf gaggeeffamaa jiru irratti, jilli mootummaa Itiyoophiyaa Bulchaa Baankii Biyyaalessaa Dooktar Iyyoob Takkaalinyiin durfamu hirmaachaa jira.
Gareen Itiyoophiyaa har’a yaa’ichaan cinatti Ministira Misooma Idil-addunyaa fi Dhimmoota Afrikaa Yuunaayitid Kiingidam, Kiristii Maakneel waliin mari’ateera.
Marichi haala dinagdee yeroo ammaa fi dhimmoota Itiyoophiyaan tasgabbii diinagdee gooroo waarawaa fi guddina yeroo dheeraa mirkaneessuuf dursa kenniteef irratti xiyyeeffateera.
Dabalataanis, marichi dhimmoota naannawaa fi idil-addunyaa yeroo ammaa irratti yaada waljijjiiruuf carraa mijataa uumuun ibsameera.
Ministirri Misooma Idil-addunyaa fi Dhimmoota Afrikaa Yuunaayitid Kiingidam Kiristii Maakneel yeroo kanatti, Itiyoophiyaan tattaaffii qajeeltoowwan irratti hundaa’uun raawwachaa jirtu dinqisiifataniiru
Itiyoophiyaan nageenya, tasgabbii fi misooma naannawaaf gumaacha tarsiimawaa taasisaa jirtu kaasuun, Yuunaayitid Kiingidam hariiroo biyyoota lamee gama hundaan Itiyoophiyaa waliin qabdu caalaatti cimsuuf kutannoo cimaa qabaachuu ishee mirkaneessaniiru.
Mariiwwan gam-lamee bu’a qabeessa ta’an cimsanii itti fufuu fi tumsa tarsiimawaa faayidaa waloo irratti hundaa’e caalaatti guddisuuf akka hojjetan ibsuu isaanii Tajaajilli Oduu Itiyoophiyaa gabaaseera.
#Itiyoophiyaa #BiyyaGuddoo #UummataGuddaa #MullataGuddaa