Finfinneen Misooma Magaalaatiin Magaalota Afrikaatiif Fakkeenya — Kantiibaa Magaalaa Akraa

Finfinnee, Onkoloolessa 6, 2019 (FMC) — Magaalaan Finfinnee hojii misooma magaalaa hojjechaa jirtuun magaalota Afrikaatiif fakkeenya ta’uu Kantiibaan Magaalaa Akraa Maayikil Paakpoo Alootee ibsan.

Maayikil Paakpoo Alooteen Fooramii Inniisheetiivii Kantiibota Magaalota Afrikaa irratti hirmaachuuf gara Finfinnee kan dhufan yoo ta’u, guddinni magaalaa Finfinneetti argan waan eeganiin ol ta’uu dubbatan.

Finfinneen saffisa guddinaa eegame dachaa 10 oliin guddachaa jirti; kanaafis hoggansa magaalattii nan dinqisiifasha jedhan.

Bulchiinsi magaalattii hojiiwwan misoomaa ajaa’ibsiisoo hojjechaa jiraachuu ibsuun, hojiiwwan damee barnootaa, bu’uuraalee misoomaa fi tuurizimii irratti hojjetaman akka fakkeenyaatti kaasaniiru.

Wayita turtii isaaniitti muuxannoo hojii misooma magaalaa argatan biyya isaaniitti hojiirra oolchuuf akka carraaqan ibsaniiru.

Hojiiwwan misoomaa Finfinnee keessatti hojjetaman saffisa walfakkaatuun guutuu Afrikaatti hojiirra ooluu yoo danda’an, ardiittiin yeroo dhiyootti sadarkaa fooyya’aa irra akka geessu ibsaniiru.

Magaalattiin aadaa dinqisiisaa kan qabduu fi magaalota namni hundi keessa jiraachuu qabu ta’uu ibsuun, namoonni biroonis magaalattii akka daawwataniif kan afeeran ta’uu dubbataniiru.

#Itiyoophiyaa #BiyyaGuddoo #UummataGuddaa #MullataGuddaa

Comments (0)
Add Comment