Finfinnee, Adooleessa 10, 2018 (FMC) — Bulchiinsi Magaalaa Finfinnee gamaaggama raawwii hojiiwwan bara baajataa 2018 gaggeessuu jalqabeera.
Kantiibaan Magaalichaa Adaanech Abeebee fuula miidiyaa hawaasummaa isaaniirratti akka ibsanitti, waltajjii gamaaggama raawwii hojii walitti fufiinsaan guyyoota sadiif turu kanaan galmoonni bara baajatichaatti bulchiinsa magaalichaan raawwatamuuf karoorfamanii turan kan gamaaggaman ta’uu ibsaniiru.
Barri baajataa 2018 waggaa xumuraa karoora tarsiimoo waggaa shanii ta’uu eeranii, raawwii bara baajatichaa raawwii waggoottan 5n dabranii wajjin walitti hidhuun akka gamaaggaman dubbataniiru.
Waggoottan 5n dabraniitti galmoota tarsiimoo bulchiinsi magaalichaa karoorfate haala guutuun hojiirra oolchuuf amanamummaa fi qajeelummaan osoo hin boqotin hojjechuun milkaa’ina hedduu galmeessisuun danda’amuu eeraniiru.
“Finfinnee keessaa ajandaalee hin fayyadne baasnee, handhuura misoomaa fi nageenyaa gooneerra ,” kan jedhan Aadde Adaanech, hojiiwwan misoomaa fi nama irratti xiyyeeffatanii hojjetamaniin Finfinneen magaalota haqni hawaasummaa keessatti mirkanaa’e, qulqulluu, magariisaa fi bareedduu ta’aa dhufuu agarsiisaniiru.
Milkaa’ina bulchiinsa magaalichaa duuba gufuuleenis akka jiran eeruun, waltajjicharratti keessattuu garaagarummaan bu’a-qabeessummaa hoggansaa, rakkoon qaala’iinsa jireenyaa fi godaansa magaalichatti mul’atan gadi fageenyaan akka gamaaggaman ibsaniiru.
“Milkaa’ina hedduu galmeessisnus, fedhii misoomaa uummatichaa fi galma badhaadhina keenya irraa ka’uun kan nu hafu waan jiruuf, milkaa’ina keenya bal’isuu, hudhaalee immoo adda baasuun furuun bara baajataa dhufu keessatti milkaa’ina caalu galmeessisuun handhuura gamaaggama keenyaa ta’a,” jedhaniiru.
Kallattiiwwan xiyyeeffannoo fuulduraa irrattis mariin akka taasifamu hubachiisaniiru.
#Oromia #Ethiopia