Finfinnee, Caamsaa 12, 2018 (FMC) – Kantiibaan Bulchiinsa magaalaa Finfinnee aadde Adaanech Abeebeen hojiilee kenniinsa tajaajilaa, dhiibbaa qaala’iinsa jireenyaa hir’isuufi gabaa tasgabbeessuuf hojjetaman gamaaggamneerra jedhan.
Aadde Adaanech Abeebeen ergaa miidiyaa hawaasummaa isaaniin dabarsaniin, guyyaa har’aa hoggantoota sekteraalee, Kutaalee Magaalaafi aanaalee waliin hojiilee kenniinsa tajaajilaa, dhiibbaa qaala’iinsa jireenyaa hir’isuu fi gabaa tasgabbeessuu irratti hojjetaman gamaaggamuu eeraniiru.
Kenniinsi tajaajilaa hojimaata idileenis ta’e Tajaajila Giddugala Tokkoo Masoob’n kennamu akkaataa karoorfameen fooyya’aa jiraachuu kaasanii, hojiin dhiibbaa qaala’iinsa jireenyaa hir’isuufi gabaa tasgabbeessuus irra jireessaan bu’aa qabeessa ta’uu ibsaniiru.
Sababa boba’aan gatiin shaqaxaalee tokko tokkoo ammas taanaan haala guutuu ta’een gadi hin bu’iin hafuu ibsuun, tarkaanfiiwwan sirreeffamaa tokko tokko fudhachuu cimsinee itti fufna jedhaniiru.
#Oromia #Ethiopia