Buufataalee Naannoo Filannoo Adaamaa 1 jala jiraniif meeshaaleen filannoo raabsamaa jiru

Finfinnee, Caamsaa 22, 2018(FMC)- Buufataalee Naannoo Filannoo Adaamaa 1 jala jiran 200 oliif meeshaaleen filannoo raabsamaa jiru.

Qindeessaan Naannoo Filannoo Adaamaa 1 obbo Dabalee Warquu akka jedhanitti, hojiin buufataalee filannoo naannoo filannichaa jala jiraniif raabsuu hojjetamaa jira.

Guyyaa kaleessaa buufataalee filannoo 90’f meeshaaleen filannoo raabsamuu kaasanii, guyyaa har’aa buufataalee filannoo hafaniif waliingahuuf hojjetamaa akka jiru eeraniiru.

Bifuma walfakkaatuun buufataalee filannoo naannoo Filannoo Adaamaa 3 jala jiran 82’f meeshaaleen filannoo raabsamaa jiraachuu Qindeessaan Naannoo Filannichaa obbo Abbabaa Kamisoon ibsaniiru.

Meeshaalee filannoo kanneen guyyaa har’aa buufataalee filannoo hunda biraan gahuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuus kaasaniiru.

Gandoota baadiyyaa aanaa Adaamaa jala jiran 25 dabalatee buufataalee filannoo aanaa Wanjii jala jiraniif meeshaalee filannoo waliingahuuf hojjetamaa jiraachuu ibsuusaanii ENA’n gabaaseera.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment