Finfinnee, Adoolessa 2, 2018 (FMC) – Gabaasni raawwii hojii bara 2018 Gaaddisa Buusaa Gonofaa dhiyaachuun qoratameera.
Miseensota miiliyoona 1 horachuuf karoorfamee miiliyoona 2 ol horatamuu ibsame.
Buusii miseensotaarraa Birrii biiliyoona 3 walitti qabuuf karoorfamee,Birrii biiliyoonni 2.9 walitti qabamuu qorannichaan eerameera.
Gumaataan Birrii biiliyoona 2.4 walitti qabuuf karoorfamee, Birrii biiliyoonni 2 walitti qabamuutu himame.
Hawaasa balaan garaagaraa mudate deebisanii bayyanachiisuu hojii hojjetameen namoota kuma 39fi 560 qa’ee isaanitti deebisuun danda’amuu gamaaggamichaan ibsameera.
Sagantaa nyaata barattootaaf midhaan kuntaalli miiliyoonni 2.65 dhiyaateera.
Raawwiin hojii Buusaa Gonofaa Oromiyaa bu’aa jajjabeessaa ta’uu gamaaggamicharratti kan argaman Pireezidaantii Itti Aanaan Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Awwaluu Abdiin himaniiru.
Obbo Awwaluun Buusaa Gonofaan Oromiyaa mootummaafi ummata gidduutti bu’uura wal-amantaafi wal-gargaarsaa cimaa ta’uun ijaarame jechuun ibsan.
#Oromia #Ethiopia