Caffeen Oromiyaa Yaa’ii idilee gaggeessuu eegale

Finfinnee, Adoolessa 12, 2018 (FMC)- Caffeen Oromiyaa Yaa’ii idilee 11ffaa Bara Hojii Caffee 6ffaa Waggaa 5ffaa Galma Caffeetti gaggeessuu eegaleera.

Yaa’ichi ajandaalee sadii dhiyaaturratti ni mari’ata.

Gabaasni raawwii waggaa bara 2018 fi kallattiin karooraa bara 2019 ni dhiyaata.

Gabaasni raawwii qaamoolee Mootummaa sadanii dhiyaachuun irratti ni mari’atama.

Akkasumas wixineewwan labsii lama ni dhiyaatu.

Wixineen labsii baajata dabalataa bara 2018 Birrii biiliyoona 84 fi baajata bara 2019 Birriin biiliyoonni 700 fi biiliyoona 4 caffeef ni dhiyaatu.

Dabalataniis muudamni abbootii seeraa qoratamuun ni raggaasifamu.

Tsahaay Gulummaatu gabaase.

Comments (0)
Add Comment