Finfinnee,Waxabajjii 24, 2018 (FMC) – Daandiin Qilleensaa Itiyoophiyaa Faransaay gara Magaalaa Liyoonitti tajaajila balallii eegaleera.
Faransaayitti bakka ga’umsaa 3ffaa yoo ta’u, bakka ga’umsaa idil addunyaa 146ffaa ta’uu ibsame.
Daandiin qilleensichaa Afrikaa addunyaa waliin walqunnamsiisuuf milkaa’ina dabalataa ta’uu Hojii Raawwachiisaa Olaanaan Daandii Qilleensaa Itiyoophiyaa Masfin Xaasew ibsaniiru.
Balalliin gara Liyoonitti eegale kun sadarkaa Awurooppaatti bakka ga’umsa 23ffaa ta’uu kaasan.
Itiyoophiyaa fi Faransaay damee Indaastirii Aviiyeshiniin hariiroo bara dheeraa qabaachuu Itiyoophiyaatti Ambaasaaddarri Faransaay Aleeksii Laameek ibsaniiru.
Yeroo itti aanus hariiroo damichaa caalmaatti cimsuuf kan hojjetamu ta’uu himan.
Heenok Lammee
#Oromia #Ethiopia