Finfinnee, Adoolessa 3, 2018(FMC)- Daandiin Qilleensaa Itiyoophiyaa balallii eebbaan duraa gara Magaalaa Miizaan Amaanitti taasisuu guyyaa har’aa eegaleera.
Saganticharratti Daayrektarri Maaneejiingii Garee Daandii Qilleensaa Itiyoophiyaa Geetaanee Adaraa fi hoggantoonni mootummaa biroon argamaniiru.
Daandiin qilleensichaa torbanitti guyyoota sadii gara magaalichaatti balallii kan taasisu yoo ta’u kunis hawaasaaf tajaajila geejjibaa si’ataafi mijataa dhiyeessuuf dandeessisa.
Daandiin qilleensichaa dhiyeenya kana gara magaalaa Dabra Maarqoositti balallii eebbaan duraa taasisuun kan yaadatamudha.
Fireew Alamaayyoon.
#Oromia #Ethiopia