Finfinnee, Caamsaa 29, 2018 (FMC) – Dhaabbileen amantaa biyyattii giddugala ajandaa siyaasaa kamiiyyuu ta’uu hin qaban jedhe Ministeerri Nageenyaa.
Ministirri Ministeera Nageenyaa obbo Mahaammad Idiriis dhimmoota waqtaawaa ilaalchisee ibsa kennaniiru.
Obbo Mahaammad ajjeechaa humnoonni finxaaleeyyii tibbana Godina Arsii iddoolee garaagaraatti lammiilee nagaarratti raawwatan balaaleffataniiru.
Ajjeechaa Aanaa Asakoo Ganda Dhalataa Caffaatti raawwatameen lammiileen nagaa 4 ajjeeffamuu, manni amantaa Ortodoksii waloomaa tokkoo fi manneen jireenyaa 65 gubachuu ibsan obbo Mahaammad Idiriis.
Akkasuma Aanaalee Shirkaa fi Honqolee Waabeetti lammiileen nagaa ugguramanii turan 4 ajjeefamuu kaasan.
Haleellaa godinichatti raawwatameen qaamoleen nageenyaa 8 ajjeefamuus ibsaniiru.
Haleellaa godinichatti mudate kallattii biroo qabsiisuuf yaaliwwan garaagaraa taasifamaa turan balaaleffataniiru.
Naannoo Oromiyaa keessa dhaabbileen Amantaa kumni 6 ol kan mootummaa fi ummanni naannichaa barootaaf kunuunsaa fi eegumsa taasisaafii turan jiraachuu kaasan.