Finfinnee, Adoolessa 2/2018 (FMC) – Dhaabbileen amantii muuxannoo gaarii gama nageenyaa fi tokkummaa biyyaatiif waliin hojjechuutiin jalqaban caalaatti cimsuu qabu jedhan Ministir Deetaan Damee Ijaarsa Nageenyaa fi Waliigaltee Biyaalessaa Ministeera Nageenyaa, Dooktar Keyraddiin Tazarraa
Ministeerri Nageenyaa ergama isaa bu’uueffachuun fi gahee dhaabbileen amantii ijaarsa nageenyaa fi waliigaltee biyaalessaatiif qaban tilmaama keessa galchuun hoggantoota fi bakka bu’oota dhaabbilee amantii waliin marii gaggeessee jira.
Dooktar Keyraddiin Tazarraa wayita kanatti akka jedhanitti; waliin hojjechuun abbootii amantii dhaloota naamusaan ijaarame bocuu keessatti gahee ol’aanaa akka ba’atan, akkasumas nageenya fi tokkummaa uummataa akka jabeessan dandeessisuuf kan kaayyeffateedha.
Mootummaan ayyaanni amantii karaa nagaan kabajamee akka xumuramu xiyyeeffannoo guddaadhaan hojjechaa akka jiru ibsanii, ayyaanonni bara 2019’s ta’e waggaa waggaadhaan kabajaman ta’iiwwan biyyoolessaa biroo waliin osoo walirra hin bu’in nagaan akka raawwatamaniif dhiheenyatti waliin hojjechuun barbaachisaa ta’uu hubachiisaniiru.
Adeemsa kana caalaatti si’aawaa gochuufis xiyyeeffannoon kan hojjetamu ta’uus ibsaniiru.
Hariiroon mootummaan dhaabbilee amantii waliin qabu nagaya, kabaja irratti kan hundaa’ee fi qajeeltoo heera Mootummaa addaan ba’iinsa mootummaa fi amantii kan eege ta’uu Dooktar Keyraddiin ibsaaniiru.
Akkasumas, nageenyi fi hariiroon gaariin dhaabbilee amantii gidduu jiru fooyya’uu isaa eeranii; dhaabbanni tokko kan biraa waliin tokkummaa fi wal-deeggarsaan rakkoolee furuuf tumsi agarsiisaa jiran guddachaa dhufuun kan jajamu fi kan galateeffamuudha jedhan.
Dhaabbileen amantii hundi hordoftoota isaaniitiif tokkummaa, waliin jireenya kabaja irratti hundaa’ee fi dhimmoota biyyoolessaa murteessoo ta’an irratti muuxannoo gaarii gama waliin hojjechuun jalqaban caalaatti akka cimsan waamicha dhiheessuu isaanii TOI gabaaseera.
#Oromia #Ethiopia