Finfinnee, Waxabajjii 19, 2018 (FMC)- Dhaloota hanna qormaataa balfu horachuuf hundi qooda isaa bahachuu qaba jedhan Ministirri Ministeera Barnootaa Piroofeesar Birhaanuu Naggaan.
Qormaata biyyaalessaa kutaa 12ffaa Waxabajjii 23 hanga Adoolessa 16, 2018’tti karaa oonlaayiniifi waraqaan kennamu ilaalchisee qooda fudhattoota waliin waltajjiin marii gaggeeffameera.
Piroofeesar Birhaanuu Naggaa wayita kana adeemsa dhaloota hanna qormaataa balfu uumuu keessatti hundi qooda isaa bahachuu akka qabu hubachiisan.
Wayita kenniinsa qormaataa qaamolee hatuufis ta’ee hachisiisuuf yaalan irratti tarkaanfii cimaan akka fudhatamu hubachiisanii, milkaa’ina qormaatichaaf ministeerichi deeggarsa barbaachisaa kan taasisu ta’uu mirkaneessuu isaanii ragaan Ministeera Barnootaarraa argame ni mul’isa.
Itti aanaan Komishinara Jeneraalaa Poolisii Federaalaa Malaakuu Fantaa gamasaaniin, qormaatichi milkaa’inaan akka xumuramuuf dameen nageenyaa qophii barbaachisaa taasiseera jedhan.
Adeemsi qormaatichaa milkaa’inaan akka xumuramuuf qindoominaan hojjechuun barbaachisaa ta’uus ibsaniiru.
Qormaata biyyaalessaa kutaa 12ffaa bara kanaa fudhachuuf barattoonni kumni 500 fi kumni 63 ol galmaa’uun ibsameera.
#Oromia #Ethiopia