Finfinnee, Fulbaana 19, 2019 (FMC) – Diinagdee Itiyoophiyaan gabaan haaraa fi dhaabbileen ciccimoon ijaaramaa jiru jedhan Ittaanaan Ministira Muummee Obbo Tamasgeen Xurunaan.
Fooramiin Faayinaansii Itiyoophiyaa 2026 bakka Obbo Tamasgeen Xurunaa fi Hoggantoonni olaanoon argamanitti gaggeeffamaa jira.
Qormaatiileen mudatan ijaarsa dhaabbilee kan laffisan yoo hin taane, kan saffiisisan akka ta’aniif xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuu dubbataniiru.
Milkaa’ina kanaafis ijaarsi bu’uuraalee misoomaa diijitaalaa hordoffii fi misooma waaraa kan cimsuudha.
Mootummaan deeggarsa barbaachiisu taasisuun dandeettii kalaqa misooma faayinaansii dhuunfaa waliin walsimsiisuun hojjetamaa jira jedhan.
Fooramichaan yaadonni furmaataa damee faayinaansii cimsuu danda’an irratti dhiyaachuu akka qabaniis hubachiisaniiru.
Ashannaafii Shibbiruutu gabaase.