Finfinnee, Caamsaa 29, 2018 (FMC) – Diinoonni keessaa fi alaa yaaliin adeemsa filannoo gufachiisuuf taasisaa turan qindoomina ummataa fi qaamolee nageenyaan fashalaa’eera jedhe Ministeerri Nageenyaa.
Ministirri Ministeera Nageenyaa obbo Mahaammad Idriis haala yeroo ilaalchisee miidiyaaleef ibsa kennaniiru.
Diinoonni keessaa fi alaa adeemsa filannoo gufachiisuuf yaalii taasisaa turuu fi karaa sanaan milkaa’uu dandha’abnaan lammiilee nagaa fi dhaabbilee amantaarratti tarkaanfii suukaneessaa fudhachuu isaanii ibsan.
Qaamoleen nageenyaa naannoo Oromiyaa lubbuu lammiilee nagaa fi mancaatii dhaabbilee amantaa oolchuuf wareegama qaalii kaffaluu kaasan obbo Mahaammad.
Obbo Mahaammad, Godina Arsii Aanaa Asakootti yakka lammiilee nagaa fi mana amantaa Ortodoksii waloomaarratti raawwatame balaalleefataniiru.
Erga yakkich raawwatee booda suuraa wal hinfakkanne fayyadamuun walitti bu’iinsichi iddoolee birootti akka babal’atu yaaliwwan miidiyaalee hawaasaa garaagaraan taasifamaa turan dogoggora cimaa ta’uu dubbatan.
Haa ta’uutii hordoftoonni fi dureewwan mana amantaa Ortodoksii waloomaa dhimmicha bilchinaan hordofuun adeemsichi iddoolee birootti akka hin babal’ane fashaleessuun danda’ameera jedhan.
Yaaliwwan kallattii garaagaraa taasifamaa turan qindoomina qaamolee nageenyaa fi ummataan fashaalaa’uu eeran.
Siifan Magarsaatiin