Dijitaal Itiyoophiyaa 2030’n hojiileen tajaajila haqaa caalmaatti saffisiisan ni hojjetamu

Finfinnee, Mudde 23, 2018 (FMC) –Dijitaal Itiyoophiyaa 2030’n hojiileen tajaajila haqaa saffisiisuuf eegalaman caalmaatti cimanii itti fufu jedhan Ministirri Ministeera Haqaa Haannaa Ara’asillaaseen.

Haannaa Ara’asillaaseen Walga’ii Idilee 7ffaa bara hojii 5ffaaa Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa har’a gaggeeffamerratti argamuun gaaffii fi yaada kenniinsa haqaa ilaalchisee miseensota mana marichaarraa ka’aniif ibsa kennaniiru.

Tajaajila haqaa, qabiinsa mirga namoomaa sirreeffamtoota seeraa fi shakkamtoota ilaalchiise miseensonni mana marichaa gaaffii fi yaada kaasaniiru.

Tajaajila haqaa si’ataa fi saffisa qabu kennuuf naannoleetti dameen banamuu kan eeraan Haannaa Ara’asillaaseen, tajaajila haqaa fooyya’aa ta’e kennuuf hojiileen eegalaman Tarsiimoo Dijitaal Itiyoophiyaa 2030’n caalmaatti cimanii itti fufu jedhan.

Adeemsa Qorannoo yakkaa fi himannaa saffisaa fi qulqullinaan raawwachuuf Poolisii, abbaan Alangaa fi manneen murtii qindoomina isaanii caalmaatti cimsuu akka qaban hubachiisuu TOI gabaaseera.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment