Finfinnee, Onkoloolessa 6, 2019 (FMC) — Komishinarri Komishinii Humna Niwukilaraa Itiyoophiyaa Dooktar Abirahaam Balaay, Ambaasaaddara Federeeshinii Raashiyaa Yevgeenii Tereekiin waliin tumsa humna niwukilaraa irratti mari’ataniiru.
Marii kanaan, karoora daandii tarsiimawaa tumsa Roosaatomii Raashiyaa waliin mallattaa’e gara hojiitti ittiin ceesisan irratti mari’ataniiru.
Marichi, tumsa damee humna niwukilaraatiif barbaachisaa ta’an hammattoo seeraa fi bu’uuraalee misoomaa guutuu, akkasumas dandeettii humna namaa biyya keessaa ijaaruun filannoowwan anniisaa Itiyoophiyaa babal’isuuf dhimmoota dandeessisan irratti xiyyeeffateera.
Kana malees, teeknooloojii niwukilaraa dameewwan yaalaa ammayyaa fi qonnaa keessatti kaayyoo nagaa qofaaf fayyadamuun, ulaagaalee nageenyaa idil-addunyaa guutuun faayidaa teeknooloojichaa misooma biyyaalessaaf oolchuuf carraa jiru irratti mari’ataniiru.
Tumsi tarsiimawaan kun hariiroo seenaa fi dippilomaasii Itiyoophiyaa fi Raashiyaa gidduu jiru, kan jaarraa hedduu ce’e, gara sadarkaa teeknooloojii fi misoomaa haaraatti kan ceesisu ta’uu odeeffannoon Komishinichaa ni mul’isa.
#Itiyoophiyaa #BiyyaGuddoo #UummataGuddaa #Mul’ataGuddicha