Finfinnee, Adoolessa 8, 2018(FMC)- Ministirri Muummee RDFI Dooktar Abiy Ahimad bakka buutuu olaantuu imaammata dhimma alaafi nageenyaa Gamtaa Awurooppaa Kaayaa Kaalaasii waliin mari’ataniiru.
Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad ergaa miidiyaa hawaasummaa isaaniin dabarsaniin, bakka buutuu olaantuu imaammata dhimma alaafi nageenyaa Gamtaa Awurooppaa Kaayaa Kaalaasii waliin hariiroo Gamtaa Awurooppaafi Afrikaa cimsuu irratti mari’achuu ibsaniiru.
Dhimmoota faayidaa waloofi dursi kennamuuf irrattis yaada waljijjiirreerra jedhaniiru.
Kana malees karaalee tumsa diinagdee guddisuufi babal’isuuf dandeessisan irratti mari’achuu eeraniiru.
#Oromia #Ethiopia