Dooktar Abiy Ahimad guyyaa Afrikaa sababeeffachuun ergaa baga geessanii dabarsan

Finfinnee, Caamsaa 17, 2018 (FMC) – Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad guyyaa Afrikaa sababeeffachuun ergaa baga geessanii dabarsaniiru.

Obboleeyyanii fi obboleettiwwan keenyaa Afrikaa hundi baga guyyaa Afrikaa geessan jedhan.

Waggoota 63 dura abbootiwwan keenya as Finfinneetti walitti qabamanii Afrikaa walabaa fi tokkummaa qabdu ijaaruuf bu’uura kaa’aan, abjuun sun ammoo har’as akkuma ifee laboobetti jira jedhan ergaa isaaniin.

Har’a, Itiyoophiyaan teessoo Gamtaa Afrikaa ta’uun, miira tokkummaa kanaan biyyoota Afrikaa hundaa wajjin dhaabbattee jiraachuu kaasan.

Hojiin keenya ammallee hin xumuramne. Jecha irraa gara gochaatti, waadaa irraa gara guddinaatti haa ceenu jechuun dhaamaan.

Qabeenyi guddaan Afrikaa ummata ishee ti; walbira dhaabbachuun, olkaanee mul’anna jechuun ergaa dabarsan.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment