Dooktar Abiy Ahimad Ooliiseeguun Oobaasaanjoo waliin mari’atan

Finfinnee, Adoolessa 7, 2018( FMC)- Ministirri Muummee RDFI Dooktar Abiy Ahimad Ooliiseeguun Oobaasaanjoo waliin mari’ataniiru.

Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad ergaa miidiyaa hawaasummaa isaaniin dabarsaniin, guyyaa har’aa jala bultii seena qabeessa marii biyyaalessaa keenyaan michuu Itiyoophiyaa kan ta’an kabajamoo Ooliiseeguun Oobaasaanjoo Waajjira kootti simadheera jedhan.

Marii biyyaalessaa dhufurratti mari’achuuf akkasumas hojiilee Kanaan dura hojjetan irraa ogummaa qooddachuu dandeenyeerra; keessumaa muuxannoo adeemsa nageenyaa Biiyaafiraan irratti gonfatan nuuf qoodaniiru jedhan.

Itiyoophiyaan yeroo mara qooda bahattaniif isin galateeffatti jedhaniiru ergaa isaaniin.

#Oromia #Ethiopia

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment