Dooktar Abiy Ahimad Ummata Itiyoophiyaa xiiqiin sagalee kennaa oole galateeffatan

Finfinnee, Caamsaa 24, 2018 ( FMC) – Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad Ummata Itiyoophiyaa xiiqiin sagalee kennaa oole galateeffataniiru.

Uumaan ala waa’ee ummata kanaa guutee kan beekuu fi gamaaggamuu danda’u eenyu jedhan.

Ummataa aadaa guddaa, biyya jaalatuu fi fedhii waloo eeguu danda’u ta’uu isaa Filannoo Waliigalaa 7ffaan irra deebiin mirkaneessera jedhan.

Ummata, Dukkanaa fi Qorraa halkanii, Aduu fi Rooba, Gaa’elli, gaddi, da’umsii fi dhimmoonni hawaasummaa biroo, hiriirri dheeraan, qaama miidhamuun, dhukkubbiin, dullumni filachuurraa isaan hin daangessine, daa’imma dugdatti baachuun dadhabbii malee, akkasuma wacaa fi sodaachisoo diinotaaf osoo hin jilbiiffanne sagalee kennan galateeffataniiru.

“Gufuwwan baay’ee keessatti jabinni isin argisiistan diimoakraasii fi birmadummaa biyyaatiif kan kaffalameedha, kanaafuu galatni garaa qulqulluu irraa madde isiniif mala” jechuun galata isaanii dhiyeessaniiru.

“Uummata kana tajaajiluun carroomuudha, kanaafuu isin warri filatamtanii uummata isin kabaje kana kabajjanii, uummata sirna diimokraasiitiif gatii kaffale kana amanamummaan tajaajiluuf isin haa gahu” jechuun hubachiisaniiru.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment