Dooktar Jamaaluu Janbar Sadarkaa Ittaanaa Kantiibaatti Itti gaafatamaa Waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee Magaalaa Finfinnee ta’uun muudaman

Finfinnee, Fulbaana 19, 2019( FMC)- Dooktar Jamaaluu Janbar Sadarkaa Ittaanaa Kantiibaatti Itti gaafatamaa Waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee Magaalaa Finfinnee ta’uun muudamaniiru.
 
Dooktar Jamaaluu Janbar bara 2016 irraa eegalee hanga ammaatti bulchiinsa magaalichaatti Sadarkaa Ittaanaa Kantiibaatti Hogganaa Biiroo Paabilik Sarvisiifi Misooma Humna Namaa magaalichaa ta’uun tajaajilaa turaniiru.
 
Dabalataanis Hogganaa Ittaanaa Biiroo Geejjibaa, Komishinara Qindeessa Hirmaannaa Hawaasaafi Tajaajila Tola Ooltummaa, Hogganaa Biiroo Dargaggoo fi Ispoortii, Hogganaa Biiroo Carraa Hojii Uumuufi Misooma Intarpiraayizii akkasumas Hojii gaggeessaa Olaanaa Abbaa Taayitaa Eeyyamaafi To’annoo Konkolaachisaafi Konkolaataa ta’uun tajaajiluu ragaan Biiroo Kominikeeshinii magaalichaarraa argame ni mul’isa.

 

Comments (0)
Add Comment