Dorgommiiwwan Ispoortii faayidaa biyyaalessaaf

Finfinnee, Sadaasa 8, 2019 (FMC) – Dorgommiiwwan Ispoortii lammiileen waloon miira biyyaalessaaf akka dhaabbatan taasisuuf dandeettii guddaa qabu.

Taateewwan Ispoortii hariiroo hawaasaa cimsuu, miira biyyaalessaa guddisuu, hawaasa walitti dhiyeessuu fi walbarsiisuun miira obbolummaa uumuu keessatti shoora olaanaa qaba.

Akkasuma dippiloomaasii biyyaa guddisuu fi maqaa biyyaa ijaaruu keessatti gahee guddaa qaba.

Dorgommiiwwan sadarkaa biyyaalessaa, ardii fi idil-addunyaatti gaggeeffaman, atileetota dameewwan ispoortii garaagaraatiin dorgoman, daawwattoota hedduu, akkasumas ogeeyyii miidiyaa hawwachuun turizimii babal’isuudhaan galii sharafa alaa haala olaanaan dabaluuf gumaacha qabu.

Ispoortiin dargaggoota fayya qabeeyyii, ga’umsa qaban, si’oominaa fi oomishuu danda’an horachuuf carraa uuma.

Har’a Itiyoophiyaan Waancaa Afrikaaf darbuuf Istaadiyeemii Bahiirdaaritti Moozaambiik waliin taphatti.

Kunis tokkummaa biyyaalessaa guddisuu keessatti dorgommii qooda jabaa qabuudha.

Akkasuma jila Atileetiksii Taphoota Olompikii Dargaggootaa Addunyaa 4ffaa Seneegaal Daakaaritti gaggeeffamerratti qabxii gaarii galmeessuun deebi’e simachuuf qophiin xumurameera.

Taateewwan Ispoortii kunneen dargaggoota fedhii Ispoortii qabaniif abdii kan ta’e, akka biyyaatti misooma Ispoortii babal’isuuf galmi qabame milkaa’aa jiraachuu agarsiiftuudha jedhe Ministeerri Aadaa fi Ispoortii.

#BiyyaGuddoo #UummataGuddaa #MullataGuddaa

Comments (0)
Add Comment