Finfinnee, Sadaasa 8, 2019 (FMC) – Yaa’ii Jijjiirama qabeenya Qilleensaa Mootummoota Gamtoomanii 31ffaa magaalaa Antaaliyaa, Turkiitti gaggeeffamaa jiru irratti, Itiyoophiyaan bu’aawwan qabatamaa galmeessite fi kallattii xiyyeeffannoo fuulduraa ifoomsiteetti.
Keessattuu diinagdee gadi-lakkisa kaarboonii xiqqaa qabu fi jijjiirama qilleensaa dandamtu ijaaruu irratti hojii bu’aa qabeessa hojjette beeksifteetti.
Yaa’ichaan cinaatti waltajjii gamaaggamaa sadarkaa olaanaa Paaviiliyoonii Itiyoophiyaa qopheessummaa Ministeera Tarsiimoo Biyyaalessaatiin mata duree “Beleemii hanga Antaaliyaatti: Imala Itiyoophiyaan Dinagdee Gadi-Lakkisa Kaarboonii Xiqqaa fi Jijjiirama Qilleensaa dandamatu Ijaaruuf Taasisitu” jedhuun gaggeeffame irratti, bakka bu’oonni Mootummaa Itiyoophiyaa fi michoonni misoomaa argamaniiru.
Milkaa’inni sagantaa Ashaaraa Magariisaa isa tokko yoo ta’u; bara 2018 qofatti biqiltuuwwan biliyoona 8.2 ol kan dhaabaman ta’uu fi sagantichi erga jalqabamee as baay’inni biqiltuuwwan waliigalaa dhaabamanii biliyoona 56 ol ga’uu waltajjichaan ibsameera.
Akkasuma ce’umsa geejjiba qulqulluu ilaalchisee baay’inni konkolaattota elektirikii biyyattii keessa jiranii kuma 144 fi 429 ga’uu eerameera.
Labsiin Gabaa Kaarboonii ragga’uu isaa, Sirni Galmee Kaarboonii Biyyaalessaa qophaa’uu, akkasumas Giddugalli Odeeffannoo Qilleensaa fi Sirni Hordoffii, Gabaasaa fi Mirkaneessaa qindaa’aan diriirfamuu isaanii akka milkaa’inaalee gurguddootti ka’aniiru.
Waltajjiin Itiyoophiyaan imaammata qofa baasuun olitti anniisaa haaromfamaa, wabii nyaataatiin of danda’uu fi misooma magaalaa magariisaa irratti tarkaanfii qabatamaa agarsiisaa jirtu dinqisiifataniiru.
Itiyoophiyaanis imala itti aanu kan “Antaaliyaa Gara Finfinneetti” taasiftuun waadaawwan jijjiirama qilleensaa gara bu’aa qabatamaatti jijjiiruun, ijaarsa dandamannaa jijjiirama qilleensaa Afrikaa fi addunyaatiif murannoo qabaachuu mirkaneessuu ishee ragaan Ministeera Tarsiimoo Biyyaalessaa irraa argame ni mul’isa.