Finfinnee, Sadaasa 8, 2019 (FMC) – Pireezidaantiin FDRI Taayyee Atsiqasillaaseen xaalayaa muudama Ambaasaaddaroota biyyoota garaagaraa fudhataniiru.
Xaalayaa muudamaa Ambaasaaddaroota biyyoota 16 fudhataniiru.
Sirna walharkaa fuudhinsi xaalayaa muudamaa kunis Masaraa Mootummaa Biyyaalessaatti gaggeeffameera.
Itiyoophiyaatti Ambaasaaddara Eemireetoota Araba Gamtoomanii, Riippaabliika Qoophiiroos, Rippaabliika Cheek, Ayerlaand, Hindi, Ostiriyaa, Roorweey, Fiinlaand, Maaltaa, Chaad, Rippaabliika Kooriyaa Kibbaa, Xaaliyaanii, Baarbaadoos, Luuksambargii fi Gireenaadaa ta’uun kan muudaman xaaliyaa isaanii Pireezidaanti Taayyeef dhiyeessaniiru.
Qiddisti Abaateetiin
#BiyyaGuddoo #UummataGuddaa #MullataGuddaa