Dubartoonni bilisummaan akka filataniif haalli mijataan uumameera- Waldicha

Finfinnee, Waxabajjii 15, 2018(FMC)- Boordiin Filannoo Biyyaalessaa dubartoonni bilisummaan akka filataniif haala mijataa uumeera jedhe Waldaan Ogeeyyii Seeraa Dubartootaa Itiyoophiyaa.

Boordiin Filannoo Biyyaalessaa Itiyoophiyaa sagantaa bu’aa filannoo waliigalaa 7ffaa ifoomsuu gaggeesseera.

Daayrektarri Olaantuun Waldichaa Hibrat Abbaahooy wayita kana waldichi buufataalee filannoo naannolee 9, godinaalee 18 fi bulchiinsota magaalaa 6 keessatti adeemsa filannoo itti dhiheenyaan hordofuu ibsaniiru.

Hordoffii gaggeeffameenis naannawaa filannoo %97.8 ta’an keessatti filannichi guutummaatti karaa nagaan xumuramuu dubbataniiru.

Dabalataanis buufataaleen filannoo % 92.5 haadholii ulfaafi hoosisan, maanguddootaafi qaama miidhamtoota dabalatee kutaalee hawaasaa saaxilamoo ta’aniif dursa kennuu eeraniiru.

Qophii hunda galeessi Boordiin Filannoo Biyyaalessaa haleellaawwan wayita filannoo dubartootarra gahan ittisuufi deebii kennuuf taasise kan dinqisiifatamu ta’uus kaasaniiru.

Boordichi hojimaatileefi qajeelfamoota miidhamtoota giddugala godhatan qopheessuun fi hojiirra oolchuun dubartoonni adeemsa diimokiraasii keessatti bilisummaan akka hirmaataniif muuxannoo gaarii uumuu ibsaniiru.

Dhaabbilee tumsitootaa idil-addunyaa waliin taajjabdootaaf leenjii kennuun hojiin rakkoolee koorniyaan walqabatan adda baasuufi galmeessuu hojjetamuu eeruun, kunis filannoo keessatti taajjabdummaan siiviilii hawaasaa qooda olaanaa akka qabu kan agarsiisudha jedhan.

Waldichi yeroo itti aanutti dubartoonni mirga filachuu, filatamuufi mirgoota diimokiraasiii biroo yaaddoo malee bilisummaan akka fayyadamaniif kutannoon akka hojjetu mirkaneessaniiru.

Yoonaas Geetinnatiin.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment