Finfinnee, Adoolessa 21, 2018 (FMC) – Dameen Qunnamtii Uummataa fi Hariiroo Idil-addunyaa Paartii Badhaadhinaa Magaalaa Roobeetti gamaaggama raawwii hojii bara 2018 fi karoora bara 2019 irratti marii gaggeessaa jira.
Dameen Qunnamtii Uummataa fi Hariiroo Idil-addunyaa Paartii Badhaadhinaa Mul’ata,tarsiimoofi ajandaawwan misoomaa Paartichaafi akkasumas milkaa’inoota galmaa’an ummataan gahuun milkaa’ina filannoo marsaa 7ffaatiif shoora olaanaa bahateera jedhan Dooktar Biqilaa Hurrisaan.
Filannoon waliigalaa marsaa 7ffaa bara kana gaggeeffame ijaarsa sirna dimokiraasii irratti hirmaannaan ummataa olaanaan kan itti calaqqise,ijaarsi dhaabbileefi itti gaafatamummaan dhalootaa kan itti mul’ate ta’uu eeran.
Waltajjiin gamaaggamaa damee Qunnamtii Uummataa fi Hariiroo Idil-addunyaa Paartii Badhaadhinaa kutaalee biyyatti garaagaraa keessatti akka gaggeeffamu kan taasifamaa jiru Itiyoophiyaan qabatamaan maal akka fakkaattuu hubachuu, dilbii qabeenya uumamaafi namtolchee qabnu qixaan beekuufi tokkummaa sabdaneessa cimsuuf kan akeekame ta’uu ibsan.
Adeemsi kun Itoophiyaa daawwachuun beekuufi beeksisuudhaan biyya keenya kan itti olkaasnuufi badhaadhina hunda-galeessa kan itti mirkaneessudha kan jedhan Dooktar Biqilaan, Paartiin Badhaadhinaa duudhaa waloo jabeessuun tokkummaan sabdaneessummaa akka dagaagu hojjetaa jira jedhan.
Itti Gaafatamaa Damee Sabquunnamtii Paartii Badhaadhinaa Damee Oromiyaa obbo Abiyoot Tasfaayee gama isaaniitiin hojiiwwaniifi adeemsota hanga ammaatiin qabsoo qormaatan guutame tokkummaan ce’uudhaan hariiroon obbolummaafi obboleettummaa daran akka cimu taasifameera jechuun ibsan.
Waloodhaan Ijaarsa mootummaa cimaafi seenessaa waloo lafa qabsiisuu irratti hojii milkaa’aan hojjetamuu kaasan.
Addunyaa dhugaan boodaa keessatti yaadamniifi injifannoon paartii Badhaadhinaa qixaan akka hubatamu gochuun akkasumas tokkummaafi badhaadhina Itiyoophiyaa milkeessuuf hojii bal’aan hojjetamaa kan ture ta’uu ibsuu ragaan fuula paartii Badhaadhinaarraa argame ni mul’isa.
#Oromia #Ethiopia