๐๐ฎ๐ฆ๐ง๐จ๐จ๐ญ๐ ๐๐๐ฅ๐จ๐จ: ๐๐๐๐ฉ๐ฉ๐ข๐ญ๐๐๐ฅ๐ ๐๐๐ซ๐จ๐จ๐ฆ๐ข๐ง๐๐๐ซ๐ซ๐๐ ๐๐๐ซ๐ ๐๐ก๐๐๐๐๐ข๐ฅ๐๐ ๐๐ฆ๐ฆ๐๐ฒ๐ฒ๐๐๐ญ๐ญ๐ข
๐. ๐ ๐ผ๐ผ๐๐๐บ๐บ๐ฎ๐ฎ๐ป ๐๐ฎ๐ป๐ฑ๐ฒ๐ฒ๐๐๐ถ๐ถ ๐๐ฎ๐๐ฎ๐ฎ๐๐ฎ๐ฎ ๐๐ถ๐ป๐๐๐บ๐; ๐ก๐ถ๐๐ถ๐ฟ๐ป๐ฒ๐ฒ๐๐๐ฎ
Ciminni mootummaa tokkoo humna hawaasaa haaraa uumuu miti.
Humna hawaasa keessa jiru adda baasuu, sirneessuufi gara dandeettii oomishtummaatti jijjiiruudha. Garaagarummaan mootummaa cimaafi laafaa qabeenya osoo hintaane, akkaataa dandeettii hawaasaa itti hubatuufi itti qindeessuudha.
Kunis garaagarummaa mootummaa ammayyaa murteessudha. Mootummaan waan hinjirre uumuun hinjalqabu; waan duraan jiru sirnaan hubachuun jalqaba. Sababni isaas, hawaasni mootummaa dura jiraata.
Qaroominni hawaasaa itti-gaafatamummaa waloo โ wal-amantaa, wal-tumsa, beekumsaafi dandeettii gochuu โ dhalootaa gara dhalootaatti kuusa. Dandeettiin kun yeroo baayyee mootummaa keessatti sirnaaโee iddoo waan hinqabneef hawaasa keessatti facaโee hafa. Kanaaf, gaheen mootummaa humna hawaasaa bakka buโuu miti; sirneessuudha.
Yaanni kun mootummaa xiqqeessu fakkaachuu dandaโa. Dhugaan jiru garuu faallaa isaati.
Mootummaan humna hawaasaa bakka buโee hojjechuu jalqabnaan, dandeettiin hawaasaa suuta suutaan laafaa deema; hawaasni eeggataa mootummaa taโa.
Mootummaan kaappitaala kana qindeessee yoo sirnoomse garuu, mootummaaafi hawaasni wal-cimsanii hojjechuu jalqabu. Kanaaf, gaheen mootummaa hojii mara ofiin qofa raawwachuu miti; humna hawaasaa qindeessee gara hojii woloo buโa qabeessaatti qajeelchuudha.
Seenaa addunyaa keessatti mootummaa milkaaโe adda kan taasisu hojii inni kophaa isaa raawwate miti. Dandeettii hawaasa isaa sirnaan gurmeessuu dandaโuu isaati.
Qabeenyi umamaa guddaan jiraatullee, dandeettiin hawaasaa yoo hinqindoomne badhaadhinni hinmirkanaaโu.
Faallaa kanaa, dandeettiin hawaasaa sirnaan yoo gurmaaโe, qabeenyi muraasnillee gara oomishtummaa olaanaatti jijjiiramuu dandaโa. Kanaaf, buโuurri mootummaa cimaa bulchiinsa qabeenya umamaa qofa osoo hintaane, bulchiinsa dandeettii hawaasaati; sirnoomsa dandeettii hawaasaati.
Ija kanaan, dandeettiin hawaasaa kaappitaala qaroominaa taโee hubatama.
Yeroo adda baafamee sirnaaโee dhaabbata mootummaa keessatti iddoo argatu, humna hawaasaa taโuurraa gara humna hawaas-mootummaa qindaaโeetti ceโa; yeroo hojiirra oolummoo gara dandeettii oomishtummaatti jijjiirama.
Mootummaan humna hawaasaa hinuumu; adda baasa, sirneessa, gara dandeettii oomishtummaatti jijjiira.
๐๐. ๐ฆ๐ถ๐ฟ๐ป๐ฎ ๐๐ฎ๐ฑ๐ฎ๐ฎ: ๐ ๐ฎ๐ฑ๐ฑ๐ฎ ๐๐ฎ๐ฎ๐ฝ๐ฝ๐ถ๐๐ฎ๐ฎ๐น๐ฎ ๐ค๐ฎ๐ฟ๐ผ๐ผ๐บ๐ถ๐ป๐ฎ๐ฎ
Safartuun qaroomina saba tokkoo qabeenya horate qofa miti. Sirnoota ijaare, beekumsa kuuse, safuu dagaagse, akkasumas dandeettii hawaasaa sirnaan gurmeesse. Kanaaf, qabeenyi guddaan qaroomina tokkoo yaadannoo seenaa isaa qofa miti; ๐ธ๐ฎ๐ฎ๐ฝ๐ฝ๐ถ๐๐ฎ๐ฎ๐น๐ฎ ๐ต๐ฎ๐๐ฎ๐ฎ๐๐๐บ๐บ๐ฎ๐ฎ inni dhalootaaf dhaalchiseedha.
Ija kanaan, Sirni Gadaa kaappitaala qaroomina Oromoo isa guddaadha. Ummanni Oromoo mootummaa qofa osoo hintaane, hawaasa ofiin of-bulchu ijaareera.
Sirnoota itti-gaafatamummaa waloo โ wal-amantaa, wal-tumsaa, haqaa, araaraa, nageenyaa, eegumsa qabeenya umamaafi tajaajila hawaasaa โ dhalootaa gara dhalootaatti gabbisuun kaappitaala hawaasummaa cimaa horeera. Kaappitaalli kun buโaa aadaa qofa osoo hintaane, buโaa sirna hawaasaa qindaaโe ture.
Sirnoonni kunneen hojii dhuunfaa osoo hintaane dhaabbilee hawaasaa turan.
Tokkoon tokkoon isaanii hojii murtaaโaa, itti-gaafatamummaa ifaafi seera hawaasni fudhate ittiin taliigamu qabu ture.
Humni isaanii fedhii dhuunfaarraa osoo hintaane, sirna hawaasaarraa madde. Kunis dhugaa buโuuraa tokko mirkaneessa: ๐พ๐ฎ๐ฟ๐ผ๐ผ๐บ๐ถ๐ป๐ป๐ถ ๐ฑ๐ต๐ฎ๐ฎ๐ฏ๐ฏ๐ถ๐น๐ฒ๐ฒ ๐ต๐ฎ๐๐ฎ๐ฎ๐๐ฎ๐ฎ ๐๐๐บ๐ฎ; ๐ฑ๐ต๐ฎ๐ฎ๐ฏ๐ฏ๐ถ๐น๐ฒ๐ฒ๐ป ๐ต๐ฎ๐๐ฎ๐ฎ๐๐ฎ๐ฎ ๐ฎ๐บ๐บ๐ผ๐ผ ๐ฑ๐ฎ๐ป๐ฑ๐ฒ๐ฒ๐๐๐ถ๐ถ ๐ต๐ฎ๐๐ฎ๐ฎ๐๐ฎ๐ฎ ๐๐๐บ๐.
Haataโu malee, adeemsa seenaa keessa, dhiibbaan siyaas-dinagdeefi hawaasummaa dhaabbilee kanneen irratti taasifamaa ture humna dhaabbatummaa isaanii laaffisee ture.
Kana jechuun garuu dandeettiin isaanii bade jechuu miti; dhaabbatummaa irraa kufuun hawaasa keessatti facaโan jechuudha. Kanaaf, rakkoo guddaan hanqina dandeettii osoo hintaane hanqina sirnoomuu ture.
Asitti gaheen Falaasama Idaโamuu ifa taโa. Falaasamni Idaโamuu duudhaa akka hambaa seenaa qofaatti hinilaalu; akka ๐ธ๐ฎ๐ฎ๐ฝ๐ฝ๐ถ๐๐ฎ๐ฎ๐น๐ฎ ๐พ๐ฎ๐ฟ๐ผ๐ผ๐บ๐ถ๐ป๐ฎ๐ฎ caasaa mootummaa ammayyaa keessatti hojiirra oolchuun dandaโamuutti ilaala.
Kaayyoon isaa kaleessan hidhamuu miti; dandeettii qaroominni kaleessaa uume beekuu, hawaasa keessaa sassaabuufi gara dhaabbilee mootummaa ammayyaatti jijjiiruudha.
Buโuura hubannoo kanaatiin, Mootummaan Idaโamuu dhaabbilee seenaa akkuma dur turanitti deebisee hindhaabu. Dandeettii keessoo isaanitti kuufame adda baasee, akkaataa mootummaa ammayyaa keessatti humna isaanii ganamaa qabatanii sochoโuuf isaan dandeessisuun deebisee sirneessa. Kanaaf, gaaffiin Mootummaan Idaโamuu โ๐๐ช๐ช๐๐๐๐๐ฃ ๐ ๐๐๐ฃ๐ฎ๐ ๐ข๐๐๐ก ๐ฉ๐ช๐ง๐?โ kan jedhu osoo hintaane, โ๐ฑ๐ฎ๐ป๐ฑ๐ฒ๐ฒ๐๐๐ถ๐ถ ๐พ๐ฎ๐ฟ๐ผ๐ผ๐บ๐ถ๐ป๐ป๐ถ ๐ธ๐ฒ๐ฒ๐ป๐๐ฎ ๐๐๐บ๐ฒ ๐บ๐ผ๐ผ๐๐๐บ๐บ๐ฎ๐ฎ ๐ฎ๐บ๐บ๐ฎ๐๐๐ฎ๐ฎ ๐ธ๐ฒ๐ฒ๐๐๐ฎ๐๐๐ถ ๐ฎ๐ธ๐ธ๐ฎ๐บ๐ถ๐๐๐ถ ๐ด๐ฎ๐ฟ๐ฎ ๐ต๐๐บ๐ป๐ฎ ๐ผ๐ผ๐บ๐ถ๐๐ต๐๐๐บ๐บ๐ฎ๐ฎ๐๐๐ถ ๐ท๐ถ๐ท๐ท๐ถ๐ถ๐ฟ๐ฎ๐บ๐๐ ๐ฑ๐ฎ๐ป๐ฑ๐ฎโ๐ฎ?โ kan jedhuudha.
๐๐๐. ๐๐๐บ๐ป๐ผ๐ผ๐๐ฎ ๐ช๐ฎ๐น๐ผ๐ผ: ๐๐ฎ๐ฎ๐ฝ๐ฝ๐ถ๐๐ฎ๐ฎ๐น๐ฎ ๐ค๐ฎ๐ฟ๐ผ๐ผ๐บ๐ถ๐ป๐ฎ๐ฎ ๐๐ฎ๐ฟ๐ฎ ๐๐ต๐ฎ๐ฎ๐ฏ๐ฏ๐ถ๐น๐ฒ๐ฒ ๐๐ฎ๐๐ฎ๐ฎ๐-๐ ๐ผ๐ผ๐๐๐บ๐บ๐ฎ๐ฎ๐๐๐ถ
Deebiin gaaffii armaan olii ifa: Dhaabbilee ๐๐๐บ๐ป๐ผ๐ผ๐๐ฎ ๐ช๐ฎ๐น๐ผ๐ผ kan jedhuudha. Humnoota Waloo jechuun kaappitaala qaroominaa gara dhaabbilee hawaas-mootummaa ammayyaatti jijjiiramaniidha.
Kanaaf, kaayyoon isaanii duudhaa Oromummaa yaadachuu ykn tiksuu qofa miti; akkuma dur turetti deebisanii dhaabuus miti.
Kaappitaala qaroominichaa qorachuu, kaappitaala hawaasaa inni uume adda baasuu, caasaa sirnaa isaa beekuu, akkasumas gara dhaabbata mootummaa ammayyaa hojii qabatamaa raawwachuu dandaโutti ceesisuudha.
Kun garaagarummaa buโuuraa qaba. Sirni hawaasaa tokko seenaa keessatti buโa qabeessa taโuun qofti mootummaa ammayyaaf gahaa hintaโu.
Harโa hojiirra ooluuf aangoo, itti-gaafatamummaa, sirna hoggansaafi buโaa irraa eegamu haala mootummaa ammayyaa madaaluun deebisanii ijaaruun barbaachisaadha. Kanaaf, sirna aadaa maqaaf mootummaa keessa galchuu miti; haala dandeettii hawaasummaa qabu hojiirra oolchuuf isa dandeessisuun gara dhaabbata mootummaa ammayyaatti jijjiiruudha.
Mootummaan Naannoo Oromiyaa gahee seenaafi haala qabaataa harโaa buโuureffachuun Humnoota Walootiif qajeeltowwan buโuuraa shan kaaโera.
๏ง Duudhaa Oromummaatti deebiโuu;
๏ง Halkaniifi guyyaa hojjechuu;
๏ง Waan hundaan dorgomaa taโuu;
๏ง Qulqullummaa;
๏ง Tumsa.
Hanga ammaatti Humnoota Waloo qaroomina Oromoo keessaa dhaabbilee afur sirnoomsee hojiirra oolchuu jalqabeera.
๏ง Tajaajila Lammummaa โ itti-gaafatamummaa hawaasaa gara humna hojii walootiitti qindeessuuf.
๏ง Mana Murtii Aadaa โ duudhaa haqa hawaasaa gara sirna haqaafi araara ammayyaatti ceesisuuf.
๏ง Buusaa Gonofaa โ sirna wal-deeggarsa hawaasaa gara humna damdamannaa, nageenya hawaasummaafi dorgomtummaa egereetti jijjiiruuf.
๏ง Gaachana Sirnaa โ duudhaa nageenya hawaasummaa gara humna eegumsa sirnaafi nageenya walootti qindeessuuf.
Dhaabbileen kunneen hojii adda addaa hojjetanillee, buโuurri isaanii tokko. Hundumtuu kaappitaala qaroominaa humna hawaasaa qofa taโee akka hinhafne taasisu. Kanaaf, duudhaa Oromumaatti deebiโuu ykn aadaa tiksuu qofa miti; gara humna mootummaafi hawaasaa wal-cimsuutti jijjiiruudha.
๐๐ฉ. ๐ง๐ฎ๐ท๐ฎ๐ฎ๐ท๐ถ๐น๐ฎ ๐๐ฎ๐บ๐บ๐๐บ๐บ๐ฎ๐ฎ: ๐๐๐บ๐ป๐ฎ ๐ช๐ฎ๐น๐ผ๐ผ ๐๐ฎ๐ฟ๐ฎ ๐๐ฎ๐ป๐ฑ๐ฒ๐ฒ๐๐๐ถ๐ถ ๐๐ผ๐ฐ๐ต๐๐๐๐๐ถ
Tajaajilli Lammummaa Humnoota Waloo keessaa isa buโuuraati. Sababni isaas hojiin isaa inni jalqabaa qabeenya uumuu miti; dandeettii qabeenya uumuu dandaโu sirneessuudha. Qabeenya uumuu dura humna qabeenya uumu ijaaruun buโuura misoomaa taโuudha.
Hawaasni tokko qabeenya umamaa waan qabaachuuf qofa badhaadhina hinmirkaneessu. Beekumsa qabaachuu qoftis gahaa miti; baayโinni ummataallee ofumaan humna misoomaa hintaโu. Dandeettiin hawaasaa yemmuu qindaaโu, kaayyoo waloo jalatti sochoโa; dandeettii gochuu walootti jijjiirama. Kanarraa kan kaโe, Tajaajilli Lammummaa qabeenya qofa osoo hintaane, dandeettii qabeenyi ittiin uumamu ijaara.
Garaagarummaan tola ooltummaa waliin qabus asirraatti ifa taโa. Tola ooltummaan hojii gaarii uuma; Tajaajilli Lammummaa ammoo dandeettii hojii waloo itti fufiinsa qabu ijaara. Tola ooltummaan fedhii dhuunfaa irratti hundaaโa; Tajaajilli Lammummaa ammoo fedhii gaarii hawaasaa gara humna waloo qindaaโeetti ceesisa. Ija kanaan, buโaan isaa hojii qeenxee xumuruu qofa miti; dandeettii hawaasaa itti fufiinsaan hojii waloo raawwachuu dandaโu ijaaruudha.
Falaasamni Idaโamuu gara hojii mootummaaatti akkamitti akka hiikamu asitti caalatti ifa taโa. Tajaajilli Lammummaa mootummaa bakka buโee hinhojjetu. Humna mootummaaafi hawaasaa walitti idaโee gara hojii walootiitti qindeessa. Kunis, gahee mootummaa hawaasa irratti feโuu miti; humna mootummaafi hawaasaa wal-cimsuun hojii oolaanaa waliin raawwachuu dandaโu ijaaruudha.
Kanaaf, buโaan Tajaajila Lammummaa hojii guyyaa tokkoon hinmadaalamu.
Dandeettii hawaasaa fullaโiinsan ijaaruun madaalama. Dandeettiin hawaasaa yemmuu cimu wal-amantaan nicima; wal-amantaan yemmuu cimu qindoominni nicima; qindoominni yemmuu cimu dandeettiin gochuu gara dandeettii oomishtummaatti jijjiirama. Tajaajilli Lammummaa humna namaa walitti qabuu qofa miti; humna waloo ijaaruudha.
๐ฉ. ๐ฅ๐ฎ๐ด๐ฎ๐ฎ ๐ค๐ฎ๐ฏ๐ฎ๐๐ฎ๐บ๐ฎ๐ฎ: ๐๐ฎ๐ป๐ฑ๐ฒ๐ฒ๐๐๐ถ๐ถ ๐๐ฎ๐๐ฎ๐ฎ๐๐ฎ๐ฎ ๐๐๐บ๐ป๐ฎ ๐ข๐ผ๐บ๐ถ๐๐ต๐๐๐บ๐บ๐ฎ๐ฎ๐๐๐ถ ๐๐ฒโ๐ฒ
Yaanni Tajaajila Lammummaa yaada siyaasaa qofa osoo hintaane, qabatamaan hojii keessatti qoramee kan mirkanaaโeedha. Gaaffii โ๐ฑ๐ฎ๐ป๐ฑ๐ฒ๐ฒ๐๐๐ถ๐ถ๐ป ๐ต๐ฎ๐๐ฎ๐ฎ๐๐ฎ๐ฎ ๐๐ถ๐ฟ๐ป๐ฎ๐ฎ๐ป ๐๐ผ๐ผ ๐พ๐ถ๐ป๐ฑ๐ฎ๐ฎโ๐ฒ, ๐ด๐ฎ๐ฟ๐ฎ ๐ฑ๐ฎ๐ป๐ฑ๐ฒ๐ฒ๐๐๐ถ๐ถ ๐ผ๐ผ๐บ๐ถ๐๐ต๐๐๐บ๐บ๐ฎ๐ฎ๐๐๐ถ ๐ท๐ถ๐ท๐ท๐ถ๐ถ๐ฟ๐ฎ๐บ๐๐ ๐ฑ๐ฎ๐ป๐ฑ๐ฎโ๐ฎ๐ฎ?โ jedhu hojii waggoota muraasa keessatti raawwateen ifatti deebiseera.
Bara 2012 hojiilee muraasaan kan jalqabe Tajaajilli Lammummaa, yeroo gabaabaa keessatti gara sochii hawaasa guutuu hirmaachisuu dandaโutti guddateera.
Hirmaannaa hawaasaafi mootummaa walitti qindaaโeen hojiileen damee garaagaraa keessatti raawwataman buโaa dinagdee guddaa uumaniiru. Hanga bara 2018โtti hojiilee gosa 72 keessatti raawwatamaniin buโaan tilmaamaan ๐๐ถ๐ฟ๐ฟ๐ถ๐ถ ๐ง๐ถ๐ฟ๐ถ๐น๐ถ๐๐ผ๐ผ๐ป๐ฎ ๐ญ.๐ญ ๐ผ๐น๐ถ๐๐๐ถ shallagamu uumameera
Buโaan kun dameewwan akka eegumsa qabeenya umamaa (misooma sululaa, ashaaraa magariisaa), barnoota (ijaarsa manneen barnoota Buโuura Boruu, sadarkaa 1ffaa, daree dabalataa, manneen dubbisaa, paarkilee dijitaalaafi manneen jireenya barsiisotaa; kibaabilee wabii, istandaardomsuufi mijatummaa eeguu); ijaarsaalee buโuuraalee misoomaa, bishaan dhugaatiifi tajaajila hawaasummaa keessatti galmaaโeera.
Garuu hiikni lakkoofsa kanaa qarshii qofaan hinmadaalamu. Hiikni isaa inni guddaan humni hawaasa keessatti facaโee ture gara humna qindaaโee hojjetuutti jijjiiramuu isaati. Kuni mootummaa qofatu misooma hojjetaa ture jechuu miti; hawaasni mootummaa waliin taโee misooma ijaaruu akka dandaโu agarsiisa. Kana jechuun, dandeettiin hawaasaa gara dandeettii hawaas-mootummaatti ceโuu jalqabe jechuudha.
Kanaaf, buโaan Tajaajila Lammummaa buโuuraalee misoomaa ijaaraman qofa miti; ๐ฑ๐ฎ๐ป๐ฑ๐ฒ๐ฒ๐๐๐ถ๐ถ ๐ฏ๐โ๐๐๐ฟ๐ฎ๐ฎ๐น๐ฒ๐ฒ ๐บ๐ถ๐๐ผ๐ผ๐บ๐ฎ๐ฎ ๐๐ฒ๐ฟ๐ผ๐ผ ๐ฏ๐ฎ๐ฟ๐ฏ๐ฎ๐ฎ๐ฐ๐ต๐ถ๐๐๐๐๐ถ ๐๐๐บ๐๐ ๐ฑ๐ฎ๐ป๐ฑ๐ฎโ๐ ๐ถ๐ท๐ฎ๐ฎ๐ฟ๐๐ ๐ถ๐๐ฎ๐ฎ๐๐ถ. Mana barnootaa ijaaruun buโaa tokko; hawaasni mana barumsaa ofii ijaaruu dandaโuun dandeettiidha. Sulula misoomsuun buโaa tokko; hawaasni qabeenya umamaa ofii tikfachuu dandaโuun dandeettiidha. Buโuurri misoomaa ijaarame buโaa tokko; hawaasni buโuura misoomaa ofii ijaaruu dandaโuun dandeettiidha. Kunis mootummaaafi hawaasa gidduutti hariiroon hojii haaraa akka ijaaramu muldhisa.
Kunis buโaa hojii tokkoo caalaa jijjiirama caasaa agarsiisa. Yemmuu humni hawaasaa dhaabbataan qindaaโu, hojiileen mootummaa qofaan raawwatamuu hindandeenye qindoomina hawaas-mootummaan raawwatamuu jalqabu.
Tajaajilli Lammummaa qabeenya qofa hinuumu; ๐ฑ๐ฎ๐ป๐ฑ๐ฒ๐ฒ๐๐๐ถ๐ถ ๐พ๐ฎ๐ฏ๐ฒ๐ฒ๐ป๐๐ฎ ๐ถ๐๐๐ถ ๐ณ๐๐ณ๐ถ๐ถ๐ป๐๐ฎ๐ฎ๐ป ๐๐๐บ๐๐ ๐ฑ๐ฎ๐ป๐ฑ๐ฎโ๐ ๐ถ๐ท๐ฎ๐ฎ๐ฟ๐ฎ. Kanaaf, milkaaโinni isaa hojii baayโee raawwachuun qofa hinmadaalamu. Hawaasa rakkoo isaatiif furmaata alaa eeggurraa gara hawaasa furmaata ofii uumutti ceesisuu dandaโuun madaalama.
Asirratti hiikni dandeettii oomishtummaa kan baramee ol taโee muldhata. Dandeettiin oomishtummaa damee tokko qofarraa hinmaddu.
Humni hawaasaa yemmuu walsimu, walitti qindaaโufi kaayyoo waloo jalatti hiriiruu dandaโu, oomishtummaan damee hundatti babaldhata; ammoo wal-baayโisa. Kanaaf, Tajaajilli Lammummaa kaappitaala hawaasummaa haaraa uuma; kaappitaalli hawaasummaa sun yeroo dheeraa keessatti gara kaappitaala dinagdeefi badhaadhina waaraatti jijjiirama.
๐ฉ๐. ๐ ๐ผ๐ผ๐๐๐บ๐บ๐ฎ๐ฎ ๐๐ฑ๐ฎโ๐ฎ๐บ๐๐: ๐๐ฎ๐ฎ๐ฝ๐ฝ๐ถ๐๐ฎ๐ฎ๐น๐ฎ ๐ค๐ฎ๐ฟ๐ผ๐ผ๐บ๐ถ๐ป๐ฎ๐ฎ ๐๐ฎ๐ฟ๐ฎ ๐๐ฎ๐ฑ๐ต๐ฎ๐ฎ๐ฑ๐ต๐ถ๐ป๐ฎ๐ฎ๐๐๐ถ
Yaadonni hanga ammaa kaafne hubannoo โmootummaan dandeettii hawaasaa hinโuumu; nisirneessaโ jedhu cimsu. Sirni Gadaa kaappitaala qaroominaa uuma. Humnoonni Waloo kaappitaala sana gara dhaabbilee mootummaa ammayyaatti jijjiiru. Tajaajila Lammummaa yoo fudhanne dandeettii hawaasaa gara humna oomishtummaatti jijjiira. Hiikni isaanii guutummaatti kan wal-simu asitti.
Gaheen Mootummaa Idaโamuu buโuura kanaan ilaalama. Mootummaan misooma mara ofiin hinhojjetu; dandeettii hawaasaa qindeessee gara hojii humna walootti jijjiira. Buโuuruma kanaan, humna hawaasa keessatti facaโee jiru gara humna hawaas-mootummaa qindaaโeetti ceesisuun, dandeettii oomishtummaa guddisuu keessatti gaheen Mootummaa Idaโamuu bakka buโaa hinqabu.
Qabeenyi guddaan ummata Oromoo lafa, bishaan ykn albuuda qofa miti; kaappitaala qaroominaa hawaasa keessatti kuufameedha. Kanaaf, imalli keenya gara seenaatti deebiโuun duudhaa faarsuu miti; gara humna misoomaa, sirna omishaafi mala jireenya harโaatti meelchuudha.
Dimshaashumatti, Sirni Gadaa kaappitaala qaroominaa uume. Falaasamni Idaโamuu kaappitaala sana adda baasuuf agartuu taโe. Mootummaan Idaโamuu sirnummaa itti hore. Humnoonni Waloo bifa dhaabbata mootummaa ammayyaa qabsiisan.
Tajaajilli Lammummaa dandeettii hawaas-mootummaa uume.
Dandeettiin oomishtummaa badhaadhina waaraa mirkaneessa.
Mootummaan humna hawaasaa hinuumu; kaappitaala qaroominaa adda baasa, sirneessa; gara dandeettii oomishtummaatti jijjiira.
Kunis imala Mootummaa Idaโamuuti.