Fana: At a Speed of Life!

Ergaa Pireezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa.

๐‡๐ฎ๐ฆ๐ง๐จ๐จ๐ญ๐š ๐–๐š๐ฅ๐จ๐จ: ๐Š๐š๐š๐ฉ๐ฉ๐ข๐ญ๐š๐š๐ฅ๐š ๐๐š๐ซ๐จ๐จ๐ฆ๐ข๐ง๐š๐š๐ซ๐ซ๐š๐š ๐†๐š๐ซ๐š ๐——๐ก๐š๐š๐›๐›๐ข๐ฅ๐ž๐ž ๐€๐ฆ๐ฆ๐š๐ฒ๐ฒ๐š๐š๐ญ๐ญ๐ข
๐—œ. ๐— ๐—ผ๐—ผ๐˜๐˜‚๐—บ๐—บ๐—ฎ๐—ฎ๐—ป ๐——๐—ฎ๐—ป๐—ฑ๐—ฒ๐—ฒ๐˜๐˜๐—ถ๐—ถ ๐—›๐—ฎ๐˜„๐—ฎ๐—ฎ๐˜€๐—ฎ๐—ฎ ๐—›๐—ถ๐—ป๐˜‚๐˜‚๐—บ๐˜‚; ๐—ก๐—ถ๐˜€๐—ถ๐—ฟ๐—ป๐—ฒ๐—ฒ๐˜€๐˜€๐—ฎ
Ciminni mootummaa tokkoo humna hawaasaa haaraa uumuu miti.

Humna hawaasa keessa jiru adda baasuu, sirneessuufi gara dandeettii oomishtummaatti jijjiiruudha. Garaagarummaan mootummaa cimaafi laafaa qabeenya osoo hintaane, akkaataa dandeettii hawaasaa itti hubatuufi itti qindeessuudha.

Kunis garaagarummaa mootummaa ammayyaa murteessudha. Mootummaan waan hinjirre uumuun hinjalqabu; waan duraan jiru sirnaan hubachuun jalqaba. Sababni isaas, hawaasni mootummaa dura jiraata.

Qaroominni hawaasaa itti-gaafatamummaa waloo โ€” wal-amantaa, wal-tumsa, beekumsaafi dandeettii gochuu โ€” dhalootaa gara dhalootaatti kuusa. Dandeettiin kun yeroo baayyee mootummaa keessatti sirnaaโ€™ee iddoo waan hinqabneef hawaasa keessatti faca’ee hafa. Kanaaf, gaheen mootummaa humna hawaasaa bakka bu’uu miti; sirneessuudha.

Yaanni kun mootummaa xiqqeessu fakkaachuu danda’a. Dhugaan jiru garuu faallaa isaati.

Mootummaan humna hawaasaa bakka bu’ee hojjechuu jalqabnaan, dandeettiin hawaasaa suuta suutaan laafaa deema; hawaasni eeggataa mootummaa ta’a.

Mootummaan kaappitaala kana qindeessee yoo sirnoomse garuu, mootummaaafi hawaasni wal-cimsanii hojjechuu jalqabu. Kanaaf, gaheen mootummaa hojii mara ofiin qofa raawwachuu miti; humna hawaasaa qindeessee gara hojii woloo bu’a qabeessaatti qajeelchuudha.

Seenaa addunyaa keessatti mootummaa milkaa’e adda kan taasisu hojii inni kophaa isaa raawwate miti. Dandeettii hawaasa isaa sirnaan gurmeessuu danda’uu isaati.

Qabeenyi umamaa guddaan jiraatullee, dandeettiin hawaasaa yoo hinqindoomne badhaadhinni hinmirkanaa’u.

Faallaa kanaa, dandeettiin hawaasaa sirnaan yoo gurmaa’e, qabeenyi muraasnillee gara oomishtummaa olaanaatti jijjiiramuu dandaโ€™a. Kanaaf, buโ€™uurri mootummaa cimaa bulchiinsa qabeenya umamaa qofa osoo hintaane, bulchiinsa dandeettii hawaasaati; sirnoomsa dandeettii hawaasaati.

Ija kanaan, dandeettiin hawaasaa kaappitaala qaroominaa ta’ee hubatama.

Yeroo adda baafamee sirnaa’ee dhaabbata mootummaa keessatti iddoo argatu, humna hawaasaa ta’uurraa gara humna hawaas-mootummaa qindaa’eetti ce’a; yeroo hojiirra oolummoo gara dandeettii oomishtummaatti jijjiirama.

Mootummaan humna hawaasaa hinuumu; adda baasa, sirneessa, gara dandeettii oomishtummaatti jijjiira.

๐—œ๐—œ. ๐—ฆ๐—ถ๐—ฟ๐—ป๐—ฎ ๐—š๐—ฎ๐—ฑ๐—ฎ๐—ฎ: ๐— ๐—ฎ๐—ฑ๐—ฑ๐—ฎ ๐—ž๐—ฎ๐—ฎ๐—ฝ๐—ฝ๐—ถ๐˜๐—ฎ๐—ฎ๐—น๐—ฎ ๐—ค๐—ฎ๐—ฟ๐—ผ๐—ผ๐—บ๐—ถ๐—ป๐—ฎ๐—ฎ

Safartuun qaroomina saba tokkoo qabeenya horate qofa miti. Sirnoota ijaare, beekumsa kuuse, safuu dagaagse, akkasumas dandeettii hawaasaa sirnaan gurmeesse. Kanaaf, qabeenyi guddaan qaroomina tokkoo yaadannoo seenaa isaa qofa miti; ๐—ธ๐—ฎ๐—ฎ๐—ฝ๐—ฝ๐—ถ๐˜๐—ฎ๐—ฎ๐—น๐—ฎ ๐—ต๐—ฎ๐˜„๐—ฎ๐—ฎ๐˜€๐˜‚๐—บ๐—บ๐—ฎ๐—ฎ inni dhalootaaf dhaalchiseedha.

Ija kanaan, Sirni Gadaa kaappitaala qaroomina Oromoo isa guddaadha. Ummanni Oromoo mootummaa qofa osoo hintaane, hawaasa ofiin of-bulchu ijaareera.

Sirnoota itti-gaafatamummaa waloo โ€” wal-amantaa, wal-tumsaa, haqaa, araaraa, nageenyaa, eegumsa qabeenya umamaafi tajaajila hawaasaa โ€” dhalootaa gara dhalootaatti gabbisuun kaappitaala hawaasummaa cimaa horeera. Kaappitaalli kun bu’aa aadaa qofa osoo hintaane, bu’aa sirna hawaasaa qindaa’e ture.

Sirnoonni kunneen hojii dhuunfaa osoo hintaane dhaabbilee hawaasaa turan.

Tokkoon tokkoon isaanii hojii murtaaโ€™aa, itti-gaafatamummaa ifaafi seera hawaasni fudhate ittiin taliigamu qabu ture.

Humni isaanii fedhii dhuunfaarraa osoo hintaane, sirna hawaasaarraa madde. Kunis dhugaa buโ€™uuraa tokko mirkaneessa: ๐—พ๐—ฎ๐—ฟ๐—ผ๐—ผ๐—บ๐—ถ๐—ป๐—ป๐—ถ ๐—ฑ๐—ต๐—ฎ๐—ฎ๐—ฏ๐—ฏ๐—ถ๐—น๐—ฒ๐—ฒ ๐—ต๐—ฎ๐˜„๐—ฎ๐—ฎ๐˜€๐—ฎ๐—ฎ ๐˜‚๐˜‚๐—บ๐—ฎ; ๐—ฑ๐—ต๐—ฎ๐—ฎ๐—ฏ๐—ฏ๐—ถ๐—น๐—ฒ๐—ฒ๐—ป ๐—ต๐—ฎ๐˜„๐—ฎ๐—ฎ๐˜€๐—ฎ๐—ฎ ๐—ฎ๐—บ๐—บ๐—ผ๐—ผ ๐—ฑ๐—ฎ๐—ป๐—ฑ๐—ฒ๐—ฒ๐˜๐˜๐—ถ๐—ถ ๐—ต๐—ฎ๐˜„๐—ฎ๐—ฎ๐˜€๐—ฎ๐—ฎ ๐˜‚๐˜‚๐—บ๐˜‚.

Haata’u malee, adeemsa seenaa keessa, dhiibbaan siyaas-dinagdeefi hawaasummaa dhaabbilee kanneen irratti taasifamaa ture humna dhaabbatummaa isaanii laaffisee ture.

Kana jechuun garuu dandeettiin isaanii bade jechuu miti; dhaabbatummaa irraa kufuun hawaasa keessatti facaโ€™an jechuudha. Kanaaf, rakkoo guddaan hanqina dandeettii osoo hintaane hanqina sirnoomuu ture.

Asitti gaheen Falaasama Ida’amuu ifa taโ€™a. Falaasamni Ida’amuu duudhaa akka hambaa seenaa qofaatti hinilaalu; akka ๐—ธ๐—ฎ๐—ฎ๐—ฝ๐—ฝ๐—ถ๐˜๐—ฎ๐—ฎ๐—น๐—ฎ ๐—พ๐—ฎ๐—ฟ๐—ผ๐—ผ๐—บ๐—ถ๐—ป๐—ฎ๐—ฎ caasaa mootummaa ammayyaa keessatti hojiirra oolchuun danda’amuutti ilaala.

Kaayyoon isaa kaleessan hidhamuu miti; dandeettii qaroominni kaleessaa uume beekuu, hawaasa keessaa sassaabuufi gara dhaabbilee mootummaa ammayyaatti jijjiiruudha.

Bu’uura hubannoo kanaatiin, Mootummaan Ida’amuu dhaabbilee seenaa akkuma dur turanitti deebisee hindhaabu. Dandeettii keessoo isaanitti kuufame adda baasee, akkaataa mootummaa ammayyaa keessatti humna isaanii ganamaa qabatanii sochoโ€™uuf isaan dandeessisuun deebisee sirneessa. Kanaaf, gaaffiin Mootummaan Ida’amuu “๐™™๐™ช๐™ช๐™™๐™๐™–๐™–๐™ฃ ๐™ ๐™š๐™š๐™ฃ๐™ฎ๐™– ๐™ข๐™–๐™–๐™ก ๐™ฉ๐™ช๐™ง๐™š?” kan jedhu osoo hintaane, “๐—ฑ๐—ฎ๐—ป๐—ฑ๐—ฒ๐—ฒ๐˜๐˜๐—ถ๐—ถ ๐—พ๐—ฎ๐—ฟ๐—ผ๐—ผ๐—บ๐—ถ๐—ป๐—ป๐—ถ ๐—ธ๐—ฒ๐—ฒ๐—ป๐˜†๐—ฎ ๐˜‚๐˜‚๐—บ๐—ฒ ๐—บ๐—ผ๐—ผ๐˜๐˜‚๐—บ๐—บ๐—ฎ๐—ฎ ๐—ฎ๐—บ๐—บ๐—ฎ๐˜†๐˜†๐—ฎ๐—ฎ ๐—ธ๐—ฒ๐—ฒ๐˜€๐˜€๐—ฎ๐˜๐˜๐—ถ ๐—ฎ๐—ธ๐—ธ๐—ฎ๐—บ๐—ถ๐˜๐˜๐—ถ ๐—ด๐—ฎ๐—ฟ๐—ฎ ๐—ต๐˜‚๐—บ๐—ป๐—ฎ ๐—ผ๐—ผ๐—บ๐—ถ๐˜€๐—ต๐˜๐˜‚๐—บ๐—บ๐—ฎ๐—ฎ๐˜๐˜๐—ถ ๐—ท๐—ถ๐—ท๐—ท๐—ถ๐—ถ๐—ฟ๐—ฎ๐—บ๐˜‚๐˜‚ ๐—ฑ๐—ฎ๐—ป๐—ฑ๐—ฎ’๐—ฎ?” kan jedhuudha.

๐—œ๐—œ๐—œ. ๐—›๐˜‚๐—บ๐—ป๐—ผ๐—ผ๐˜๐—ฎ ๐—ช๐—ฎ๐—น๐—ผ๐—ผ: ๐—ž๐—ฎ๐—ฎ๐—ฝ๐—ฝ๐—ถ๐˜๐—ฎ๐—ฎ๐—น๐—ฎ ๐—ค๐—ฎ๐—ฟ๐—ผ๐—ผ๐—บ๐—ถ๐—ป๐—ฎ๐—ฎ ๐—š๐—ฎ๐—ฟ๐—ฎ ๐——๐—ต๐—ฎ๐—ฎ๐—ฏ๐—ฏ๐—ถ๐—น๐—ฒ๐—ฒ ๐—›๐—ฎ๐˜„๐—ฎ๐—ฎ๐˜€-๐— ๐—ผ๐—ผ๐˜๐˜‚๐—บ๐—บ๐—ฎ๐—ฎ๐˜๐˜๐—ถ

Deebiin gaaffii armaan olii ifa: Dhaabbilee ๐—›๐˜‚๐—บ๐—ป๐—ผ๐—ผ๐˜๐—ฎ ๐—ช๐—ฎ๐—น๐—ผ๐—ผ kan jedhuudha. Humnoota Waloo jechuun kaappitaala qaroominaa gara dhaabbilee hawaas-mootummaa ammayyaatti jijjiiramaniidha.

Kanaaf, kaayyoon isaanii duudhaa Oromummaa yaadachuu ykn tiksuu qofa miti; akkuma dur turetti deebisanii dhaabuus miti.

Kaappitaala qaroominichaa qorachuu, kaappitaala hawaasaa inni uume adda baasuu, caasaa sirnaa isaa beekuu, akkasumas gara dhaabbata mootummaa ammayyaa hojii qabatamaa raawwachuu dandaโ€™utti ceesisuudha.

Kun garaagarummaa bu’uuraa qaba. Sirni hawaasaa tokko seenaa keessatti bu’a qabeessa ta’uun qofti mootummaa ammayyaaf gahaa hinta’u.

Harโ€™a hojiirra ooluuf aangoo, itti-gaafatamummaa, sirna hoggansaafi bu’aa irraa eegamu haala mootummaa ammayyaa madaaluun deebisanii ijaaruun barbaachisaadha. Kanaaf, sirna aadaa maqaaf mootummaa keessa galchuu miti; haala dandeettii hawaasummaa qabu hojiirra oolchuuf isa dandeessisuun gara dhaabbata mootummaa ammayyaatti jijjiiruudha.

Mootummaan Naannoo Oromiyaa gahee seenaafi haala qabaataa harโ€™aa buโ€™uureffachuun Humnoota Walootiif qajeeltowwan buโ€™uuraa shan kaaโ€™era.

๏‚ง Duudhaa Oromummaatti deebiโ€™uu;
๏‚ง Halkaniifi guyyaa hojjechuu;
๏‚ง Waan hundaan dorgomaa taโ€™uu;
๏‚ง Qulqullummaa;
๏‚ง Tumsa.
Hanga ammaatti Humnoota Waloo qaroomina Oromoo keessaa dhaabbilee afur sirnoomsee hojiirra oolchuu jalqabeera.
๏‚ง Tajaajila Lammummaa โ€” itti-gaafatamummaa hawaasaa gara humna hojii walootiitti qindeessuuf.
๏‚ง Mana Murtii Aadaa โ€” duudhaa haqa hawaasaa gara sirna haqaafi araara ammayyaatti ceesisuuf.
๏‚ง Buusaa Gonofaa โ€” sirna wal-deeggarsa hawaasaa gara humna damdamannaa, nageenya hawaasummaafi dorgomtummaa egereetti jijjiiruuf.
๏‚ง Gaachana Sirnaa โ€” duudhaa nageenya hawaasummaa gara humna eegumsa sirnaafi nageenya walootti qindeessuuf.
Dhaabbileen kunneen hojii adda addaa hojjetanillee, bu’uurri isaanii tokko. Hundumtuu kaappitaala qaroominaa humna hawaasaa qofa ta’ee akka hinhafne taasisu. Kanaaf, duudhaa Oromumaatti deebiโ€™uu ykn aadaa tiksuu qofa miti; gara humna mootummaafi hawaasaa wal-cimsuutti jijjiiruudha.

๐—œ๐—ฉ. ๐—ง๐—ฎ๐—ท๐—ฎ๐—ฎ๐—ท๐—ถ๐—น๐—ฎ ๐—Ÿ๐—ฎ๐—บ๐—บ๐˜‚๐—บ๐—บ๐—ฎ๐—ฎ: ๐—›๐˜‚๐—บ๐—ป๐—ฎ ๐—ช๐—ฎ๐—น๐—ผ๐—ผ ๐—š๐—ฎ๐—ฟ๐—ฎ ๐——๐—ฎ๐—ป๐—ฑ๐—ฒ๐—ฒ๐˜๐˜๐—ถ๐—ถ ๐—š๐—ผ๐—ฐ๐—ต๐˜‚๐˜‚๐˜๐˜๐—ถ

Tajaajilli Lammummaa Humnoota Waloo keessaa isa bu’uuraati. Sababni isaas hojiin isaa inni jalqabaa qabeenya uumuu miti; dandeettii qabeenya uumuu danda’u sirneessuudha. Qabeenya uumuu dura humna qabeenya uumu ijaaruun bu’uura misoomaa ta’uudha.

Hawaasni tokko qabeenya umamaa waan qabaachuuf qofa badhaadhina hinmirkaneessu. Beekumsa qabaachuu qoftis gahaa miti; baay’inni ummataallee ofumaan humna misoomaa hintaโ€™u. Dandeettiin hawaasaa yemmuu qindaaโ€™u, kaayyoo waloo jalatti sochoโ€™a; dandeettii gochuu walootti jijjiirama. Kanarraa kan kaโ€™e, Tajaajilli Lammummaa qabeenya qofa osoo hintaane, dandeettii qabeenyi ittiin uumamu ijaara.

Garaagarummaan tola ooltummaa waliin qabus asirraatti ifa taโ€™a. Tola ooltummaan hojii gaarii uuma; Tajaajilli Lammummaa ammoo dandeettii hojii waloo itti fufiinsa qabu ijaara. Tola ooltummaan fedhii dhuunfaa irratti hundaa’a; Tajaajilli Lammummaa ammoo fedhii gaarii hawaasaa gara humna waloo qindaa’eetti ceesisa. Ija kanaan, bu’aan isaa hojii qeenxee xumuruu qofa miti; dandeettii hawaasaa itti fufiinsaan hojii waloo raawwachuu danda’u ijaaruudha.

Falaasamni Ida’amuu gara hojii mootummaaatti akkamitti akka hiikamu asitti caalatti ifa taโ€™a. Tajaajilli Lammummaa mootummaa bakka bu’ee hinhojjetu. Humna mootummaaafi hawaasaa walitti idaโ€™ee gara hojii walootiitti qindeessa. Kunis, gahee mootummaa hawaasa irratti feโ€™uu miti; humna mootummaafi hawaasaa wal-cimsuun hojii oolaanaa waliin raawwachuu danda’u ijaaruudha.
Kanaaf, bu’aan Tajaajila Lammummaa hojii guyyaa tokkoon hinmadaalamu.

Dandeettii hawaasaa fullaโ€™iinsan ijaaruun madaalama. Dandeettiin hawaasaa yemmuu cimu wal-amantaan nicima; wal-amantaan yemmuu cimu qindoominni nicima; qindoominni yemmuu cimu dandeettiin gochuu gara dandeettii oomishtummaatti jijjiirama. Tajaajilli Lammummaa humna namaa walitti qabuu qofa miti; humna waloo ijaaruudha.

๐—ฉ. ๐—ฅ๐—ฎ๐—ด๐—ฎ๐—ฎ ๐—ค๐—ฎ๐—ฏ๐—ฎ๐˜๐—ฎ๐—บ๐—ฎ๐—ฎ: ๐——๐—ฎ๐—ป๐—ฑ๐—ฒ๐—ฒ๐˜๐˜๐—ถ๐—ถ ๐—›๐—ฎ๐˜„๐—ฎ๐—ฎ๐˜€๐—ฎ๐—ฎ ๐—›๐˜‚๐—บ๐—ป๐—ฎ ๐—ข๐—ผ๐—บ๐—ถ๐˜€๐—ต๐˜๐˜‚๐—บ๐—บ๐—ฎ๐—ฎ๐˜๐˜๐—ถ ๐—–๐—ฒโ€™๐—ฒ

Yaanni Tajaajila Lammummaa yaada siyaasaa qofa osoo hintaane, qabatamaan hojii keessatti qoramee kan mirkanaa’eedha. Gaaffii โ€œ๐—ฑ๐—ฎ๐—ป๐—ฑ๐—ฒ๐—ฒ๐˜๐˜๐—ถ๐—ถ๐—ป ๐—ต๐—ฎ๐˜„๐—ฎ๐—ฎ๐˜€๐—ฎ๐—ฎ ๐˜€๐—ถ๐—ฟ๐—ป๐—ฎ๐—ฎ๐—ป ๐˜†๐—ผ๐—ผ ๐—พ๐—ถ๐—ป๐—ฑ๐—ฎ๐—ฎ’๐—ฒ, ๐—ด๐—ฎ๐—ฟ๐—ฎ ๐—ฑ๐—ฎ๐—ป๐—ฑ๐—ฒ๐—ฒ๐˜๐˜๐—ถ๐—ถ ๐—ผ๐—ผ๐—บ๐—ถ๐˜€๐—ต๐˜๐˜‚๐—บ๐—บ๐—ฎ๐—ฎ๐˜๐˜๐—ถ ๐—ท๐—ถ๐—ท๐—ท๐—ถ๐—ถ๐—ฟ๐—ฎ๐—บ๐˜‚๐˜‚ ๐—ฑ๐—ฎ๐—ป๐—ฑ๐—ฎ’๐—ฎ๐—ฎ?โ€ jedhu hojii waggoota muraasa keessatti raawwateen ifatti deebiseera.

Bara 2012 hojiilee muraasaan kan jalqabe Tajaajilli Lammummaa, yeroo gabaabaa keessatti gara sochii hawaasa guutuu hirmaachisuu danda’utti guddateera.

Hirmaannaa hawaasaafi mootummaa walitti qindaa’een hojiileen damee garaagaraa keessatti raawwataman bu’aa dinagdee guddaa uumaniiru. Hanga bara 2018’tti hojiilee gosa 72 keessatti raawwatamaniin bu’aan tilmaamaan ๐—•๐—ถ๐—ฟ๐—ฟ๐—ถ๐—ถ ๐—ง๐—ถ๐—ฟ๐—ถ๐—น๐—ถ๐˜†๐—ผ๐—ผ๐—ป๐—ฎ ๐Ÿญ.๐Ÿญ ๐—ผ๐—น๐—ถ๐˜๐˜๐—ถ shallagamu uumameera

Bu’aan kun dameewwan akka eegumsa qabeenya umamaa (misooma sululaa, ashaaraa magariisaa), barnoota (ijaarsa manneen barnoota Buโ€™uura Boruu, sadarkaa 1ffaa, daree dabalataa, manneen dubbisaa, paarkilee dijitaalaafi manneen jireenya barsiisotaa; kibaabilee wabii, istandaardomsuufi mijatummaa eeguu); ijaarsaalee buโ€™uuraalee misoomaa, bishaan dhugaatiifi tajaajila hawaasummaa keessatti galmaa’eera.

Garuu hiikni lakkoofsa kanaa qarshii qofaan hinmadaalamu. Hiikni isaa inni guddaan humni hawaasa keessatti faca’ee ture gara humna qindaa’ee hojjetuutti jijjiiramuu isaati. Kuni mootummaa qofatu misooma hojjetaa ture jechuu miti; hawaasni mootummaa waliin ta’ee misooma ijaaruu akka danda’u agarsiisa. Kana jechuun, dandeettiin hawaasaa gara dandeettii hawaas-mootummaatti ce’uu jalqabe jechuudha.

Kanaaf, bu’aan Tajaajila Lammummaa bu’uuraalee misoomaa ijaaraman qofa miti; ๐—ฑ๐—ฎ๐—ป๐—ฑ๐—ฒ๐—ฒ๐˜๐˜๐—ถ๐—ถ ๐—ฏ๐˜‚’๐˜‚๐˜‚๐—ฟ๐—ฎ๐—ฎ๐—น๐—ฒ๐—ฒ ๐—บ๐—ถ๐˜€๐—ผ๐—ผ๐—บ๐—ฎ๐—ฎ ๐˜†๐—ฒ๐—ฟ๐—ผ๐—ผ ๐—ฏ๐—ฎ๐—ฟ๐—ฏ๐—ฎ๐—ฎ๐—ฐ๐—ต๐—ถ๐˜€๐˜‚๐˜๐˜๐—ถ ๐˜‚๐˜‚๐—บ๐˜‚๐˜‚ ๐—ฑ๐—ฎ๐—ป๐—ฑ๐—ฎ’๐˜‚ ๐—ถ๐—ท๐—ฎ๐—ฎ๐—ฟ๐˜‚๐˜‚ ๐—ถ๐˜€๐—ฎ๐—ฎ๐˜๐—ถ. Mana barnootaa ijaaruun bu’aa tokko; hawaasni mana barumsaa ofii ijaaruu danda’uun dandeettiidha. Sulula misoomsuun bu’aa tokko; hawaasni qabeenya umamaa ofii tikfachuu danda’uun dandeettiidha. Buโ€™uurri misoomaa ijaarame bu’aa tokko; hawaasni buโ€™uura misoomaa ofii ijaaruu danda’uun dandeettiidha. Kunis mootummaaafi hawaasa gidduutti hariiroon hojii haaraa akka ijaaramu muldhisa.

Kunis bu’aa hojii tokkoo caalaa jijjiirama caasaa agarsiisa. Yemmuu humni hawaasaa dhaabbataan qindaa’u, hojiileen mootummaa qofaan raawwatamuu hindandeenye qindoomina hawaas-mootummaan raawwatamuu jalqabu.

Tajaajilli Lammummaa qabeenya qofa hinuumu; ๐—ฑ๐—ฎ๐—ป๐—ฑ๐—ฒ๐—ฒ๐˜๐˜๐—ถ๐—ถ ๐—พ๐—ฎ๐—ฏ๐—ฒ๐—ฒ๐—ป๐˜†๐—ฎ ๐—ถ๐˜๐˜๐—ถ ๐—ณ๐˜‚๐—ณ๐—ถ๐—ถ๐—ป๐˜€๐—ฎ๐—ฎ๐—ป ๐˜‚๐˜‚๐—บ๐˜‚๐˜‚ ๐—ฑ๐—ฎ๐—ป๐—ฑ๐—ฎ’๐˜‚ ๐—ถ๐—ท๐—ฎ๐—ฎ๐—ฟ๐—ฎ. Kanaaf, milkaa’inni isaa hojii baay’ee raawwachuun qofa hinmadaalamu. Hawaasa rakkoo isaatiif furmaata alaa eeggurraa gara hawaasa furmaata ofii uumutti ceesisuu dandaโ€™uun madaalama.

Asirratti hiikni dandeettii oomishtummaa kan baramee ol taโ€™ee muldhata. Dandeettiin oomishtummaa damee tokko qofarraa hinmaddu.

Humni hawaasaa yemmuu walsimu, walitti qindaaโ€™ufi kaayyoo waloo jalatti hiriiruu danda’u, oomishtummaan damee hundatti babaldhata; ammoo wal-baayโ€™isa. Kanaaf, Tajaajilli Lammummaa kaappitaala hawaasummaa haaraa uuma; kaappitaalli hawaasummaa sun yeroo dheeraa keessatti gara kaappitaala dinagdeefi badhaadhina waaraatti jijjiirama.

๐—ฉ๐—œ. ๐— ๐—ผ๐—ผ๐˜๐˜‚๐—บ๐—บ๐—ฎ๐—ฎ ๐—œ๐—ฑ๐—ฎ’๐—ฎ๐—บ๐˜‚๐˜‚: ๐—ž๐—ฎ๐—ฎ๐—ฝ๐—ฝ๐—ถ๐˜๐—ฎ๐—ฎ๐—น๐—ฎ ๐—ค๐—ฎ๐—ฟ๐—ผ๐—ผ๐—บ๐—ถ๐—ป๐—ฎ๐—ฎ ๐—š๐—ฎ๐—ฟ๐—ฎ ๐—•๐—ฎ๐—ฑ๐—ต๐—ฎ๐—ฎ๐—ฑ๐—ต๐—ถ๐—ป๐—ฎ๐—ฎ๐˜๐˜๐—ถ

Yaadonni hanga ammaa kaafne hubannoo โ€œmootummaan dandeettii hawaasaa hin’uumu; nisirneessaโ€ jedhu cimsu. Sirni Gadaa kaappitaala qaroominaa uuma. Humnoonni Waloo kaappitaala sana gara dhaabbilee mootummaa ammayyaatti jijjiiru. Tajaajila Lammummaa yoo fudhanne dandeettii hawaasaa gara humna oomishtummaatti jijjiira. Hiikni isaanii guutummaatti kan wal-simu asitti.

Gaheen Mootummaa Ida’amuu buโ€™uura kanaan ilaalama. Mootummaan misooma mara ofiin hinhojjetu; dandeettii hawaasaa qindeessee gara hojii humna walootti jijjiira. Buโ€™uuruma kanaan, humna hawaasa keessatti faca’ee jiru gara humna hawaas-mootummaa qindaa’eetti ceesisuun, dandeettii oomishtummaa guddisuu keessatti gaheen Mootummaa Idaโ€™amuu bakka buโ€™aa hinqabu.

Qabeenyi guddaan ummata Oromoo lafa, bishaan ykn albuuda qofa miti; kaappitaala qaroominaa hawaasa keessatti kuufameedha. Kanaaf, imalli keenya gara seenaatti deebi’uun duudhaa faarsuu miti; gara humna misoomaa, sirna omishaafi mala jireenya harโ€™aatti meelchuudha.

Dimshaashumatti, Sirni Gadaa kaappitaala qaroominaa uume. Falaasamni Idaโ€™amuu kaappitaala sana adda baasuuf agartuu taโ€™e. Mootummaan Ida’amuu sirnummaa itti hore. Humnoonni Waloo bifa dhaabbata mootummaa ammayyaa qabsiisan.

Tajaajilli Lammummaa dandeettii hawaas-mootummaa uume.

Dandeettiin oomishtummaa badhaadhina waaraa mirkaneessa.
Mootummaan humna hawaasaa hinuumu; kaappitaala qaroominaa adda baasa, sirneessa; gara dandeettii oomishtummaatti jijjiira.

Kunis imala Mootummaa Ida’amuuti.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.