Finfinnee, Fulbaana 18, 2019 (FMC) – Fayyadamummaa ummataa mirkaneessuuf waltumsinee hojjenna jedhan Af Yaa’iin Caffee Oromiyaa Obbo Abdusalaam Waariyoo.
Caffeen Oromiyaa Yaa’ii duraa Waggaa 1ffaa Bara hojii Caffee 7ffaa gaggeessaa jiruun Obbo Abdusalaam Waariyoon Af Yaa’ii Caffee Oromiyaa ta’uun muudera.
Obbo Abdusalaam Waariyoon haasawa baniinsaa taasisaniin of dagannaa tokko malee imaanaa fudhanne qixa sirriin raawwachuuf ni hojjenna jedhan.
Nagaa fi tasgabbii waaraa’ee misoomsi akka saffisuuf xiyyeeffannoon addaan hogganuuf kan hojjetama ta’a jechuun ibsan.
Seeroota bahan sirnaan hojiirra oolchuun fayyadamummaa ummataa mirkaneessuuf hojiin hordoffii fi to’annaa cimaan kan taasifamu ta’uu eeran.
Guyyaan har’aa jalqabbii imala haaraa waan ta’eef hoggansa qindaa’aa fi tarsiimawaa ta’u kennuuf waltumsuun ni hojjenna jedhan.
Jijjiirramaaf hojjenna, dhaloota biyya dhaalu horachuuf bifa qindoomina qabuun hojjechuuf qophiidha jedhan.
Siifan Magarsaatiin