Fedhiin Ulaa Galaanaa Itiyoophiyaa Mirga Uumamaati – Yunaayitid Kiingidom

Finfinnee, Adoolessa 2, 2018 (FMC) – Fedhiin ulaa galaanaa Itiyoophiyaa baay’ina uummata ishee miiliyoona 100 fi miliyoona 30 fi guddina saffisaa galmeessisaa jirtu kan bu’uureffatee fi mirga uumamaati jedhan Itiyoophiyaatti Ambaasaaddarri Itti Aanaan Yunaayitid Kiingidom Luuk Bulook.

Luuk Bulook sagantaa dhaabbii biqiltuu Ashaaraa Magariisaa kan hawaasni dippiloomaasii Finfinnee keessa jiu raawwate irratti hirmaataniiru.

Itiyoophiyaan meeshaalee ishee gara alaatti erguufi meeshaalee guddinaaf ta’an gara keessatti galchuuf ulaa galaanaa bal’aa akka ishee barbaachisu wayituma kana Fanaa Miidiyaa Koorporeeshiin waliin turtii taasisaniin dubbataniiru.

Ambaasaaddarichi baay’ina uummataa, guddina diinagdee saffisaa fi fedhii daldalaa dabalaa jiru irraa ka’uun yoo ilaalamu fedhiin ulaa galaanaa Itiyoophiyaa mirga uumamaa fi kan isheetii maluudha jedhaniiru.

Ingilaandi fedhii ulaa galaanaa kana akka deggertu ibsuun, waliigalteen kun mariidhaan, wal kabaja waloo fi haala nagaa fi tasgabbii naannichaa mirkaneessuun raawwatamuu akka qabu hubachiisaniiru.

Soosinnaa Alamaayyootiin

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment