Filannichi milkaa’inaan akka gaggeeffamuuf qophii barbaachisaan xumurameera- Poolisii Magaalaa Finfinnee

Finfinnee, Caamsaa 22, 2018(FMC)- Filannoon Waliigalaa 7ffaan milkaa’inaan akka gaggeeffamuuf qophii barbaachisaan xumurameera jedhe Poolisiin Magaalaa Finfinnee.

Waltajjii hojiilee filannoon duraa hojjetaman gamaaggamuuf qophaa’e irratti akka ibsametti, hojiileen kabachiisa nageenyaa filannoon duraafi guyyaa filannoo milkaa’inaan akka xumuramaniif qophii barbaachisaan taasifameera.

Ajajaan Qajeelcha Waliigalaa Poolisii magaalichaa Leetenaal Jeneraal Asiraat Danneeroo, hojiileen nageenyummaa filannoo mirkaneessuu of-eeggannoo addaa akka barbaadan waltajjicharratti dubbataniiru.

Humnoonni filannicha irratti dhiibbaa hin malle uumuu barbaadan akka jiran hubachuun filannichi milkaa’inaan akka gaggeeffamuuf qophiin xumuramuu eeraniiru.

Hoggantuun Biiroo Bulchiinsa Nageenyaafi Tasgabbii magaalichaa Liidiyaa Girmaa gama isaaniin, hojiin nageenyaa, nageenya hawaasaa kan mirkaneessuu fi humnoota farra nageenyaa irratti dhiibbaa kan uumu akka ta’uuf hojjechuun barabaachisaa ta’uu ibsaniiru.

Keessumaa lootee seentota to’achuuf Kutaalee magaalaa Shaggar waliin qindoominaan hojjechuun barbaachisaa ta’uu hubachiisaniiru.

Filannichi hanqina tokko malee akka gaggeeffamuuf hawaasni wantoota balaa nageenyaati jedhee shakku wayita argu karaa toorawwan bilbilaa bilisaa 990, 991, 987, 816 akkasumas toorawwan bilbilaa በ011-1-26-43-59, 011-5-52-63-02/03, 011-5-52-40-77, 011-5-54-36-78 fi 011-5-54-36-81 dabalataanis appilikeeshinii hirmaannaa lammiileen eeruu akka kennu gaafataniiru.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment