Filannoo fi mirgoota lammiilee…

Finfinnee, Caamsaa 21, 2018 (FMC) – Filannoon waliigalaa 7ffaan Caamsaa 24, 2018 gaggeeffama.

Akkaataa Heera Mootummaa Rippaablika Diimokiraatawaa Federaalaawaa Itiyoophiyaa keeyyata 38tiin Lammiin Itiyoophiyaa kamiyyuu, bifaan, sanyiin, sabummaan, saalaan, qooqaan, amantiin, siyaasaan yookiin ilaalcha biraatiin yookiin eejjennoo biraa irratti kan hundaa’e, garaa garummaan osoo irratti hin taasifamiin, bakka bu’oota kallattiifi bilisaan filateen dhimma bulchiinsa uummataarratti hirmaachuu qaba.

Kana jechuun mirga ummanni karaa bakka bu’oota isaan filatamaniin of bulchuuti.

Heerri mootummaa Itiyoophiyaa keeyyanni 38 lammiileen Itiyoophiyaa mirga dabalataa adeemsa filannoo diimokiraatawaa keessatti qaban tartiibaan kaa’eera.

Mirgi filachuu fi filatamuu, akkuma Heerri Itiyoophiyaa mirkaneessetti, filataan tokko paartii ykn kaadhimamaa filate dhoksaan filachuuf mirga akka qabu tumameera.

Mirgi kun Boordiin Filannoo Biyyaalessaa fi Mootummaan haala naannoo fi teeknikaa filattoonni sagalee isaaniin ittiin kennan akka guutaniif dirqama kaa’a.

Itiyoophiyaan ni filatti!

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment