Filannoo waliigalaa 7ffaa lammiileen miiliyoonni 54 ol filachuuf galmaa’an…

Paartileen Siyaasaa 42, Kaadhimamtoonni kumni 10 fi 438 ol fi dorgomtoonni dhuunfaa 80, seera filannoo fi duudhaa siyaasaa kabajuun dorgommiif dhiyaachuun sagaalee ummataa eeggachaa jiru.

Taajjabdoonni biyyaleessaa, idil-addunyaa, Gamtaa Afrikaa fi IGAD filannicha taajjabuuf bobba’aniiru.

Dhaabbileen Hawaasa Siiviilii biyya keessaa 55 filannoo akka taajjaban eeyyama argataniiru.

Dhaabbilee miidiyaa filannoo waliigalaa 7ffaa akka gabaasan eeyyama argatan 68 keessaa 12 miidiyaalee biyyoota alaati.

Lammiileen miiliyoona 54 ol filachuuf galmaa’an keessaa miiliyoonni 5.5 Appilikeeshinii Moobaayilii ‘Mircaayee’ fayyadamuudhaan kan galmaa’aniidha.

Filannichi boru sa’aatii 12:00 jalqabee gaggeeffama.

Itiyoophiyaan ni filatti!

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment