Finfinnee, Waxabajjii 14, 2018 (FMC)- Filannoon Waliigalaa 7ffaan Sirna Ijaarsa diimookiraasii Itiyoophiyaaf bu’uura seenaa qabeessa kan kaa’ee darbeedha jedhe Gamtaan Afrikaa.
Boordiin Filannoo Biyyaalessaa Sagantaa ifoomsa bu’aa filannoo Waliigalaa 7ffaa gaggeessaa jira
Saganticharratti argamuun haasawaa kan taasisan Gamtaa Afrikaatti Komishinarri Dhimmoota Siyaasaa fi Nageenyaa Ambaasaaddar Baankolee Adooyeen, Gamtaan Afrikaa garee taajjabdootaa bobbaasuun filannichaa taajjabaa turuu kaasaniiru.
Gareen Taajjabdootaa Gamtaa Afrikaa Pireezidaantii duraanii Keeniyaa Uhuuruu Keeniyaataan durfamu, gabaasa marsaa jalqabaa dhiyeessuu yaadachiisaniiru.
Filannichi milkaa’inaan akka xumuramuuf tattaaffii Mootummaan Itiyoophiyaa fi Boordiin Filannoo Biyyaalessaa taasisaniif gamtichi beekamtii kan kennu ta’uu ibsaniiru.
Filannichi hirmaachiisaa, bilisaa fi haqa qabeessaa turuu eeruun, adeemsichis ijaarsa sirna diimookiraasii Itiyoophiyaaf bu’ura seena qabeessa kaa’ee darbuu dubbataniiru.
Miikiyaas Ayyalaatiin.