Filannoon Waliigalaa 7ffaan hirmaachisaa, karaa diimokiraatawaafi bilisaan gaggeeffame- Mana Marichaa

Finfinnee, Caamsaa 27, 2018(FMC)- Manni Maree Waloo Paartilee Siyaasa Naannoo Oromiyaa Filannoon Waliigalaa 7ffaan hirmaachisaa, karaa diimokiraatawaafi bilisaan gaggeeffame jedhe.

Manni Marichaa filannoo Waliigalaa 7ffaa Caamsaa 24 bara 2018 geggeeffame ilaalchisuun Finfinneetti guyyaa har’aa yaa’ii taa’eera.

Walitti qabaan Mana Maree Waloo Paartilee Siyaasaa Naannoo Oromiyaa Obbo Solomoon Taaffasaa wayita kana, filannoon Waliigalaa 7ffaa nagaan goolabamuufi haalli guyyaa sana ture hundi gaarii ta’uu ibsaniiru.

Rakkoowwan xixiqqoo guyyaa sana mudatanis eeruu kennameefi taajjabbii taasifameen sirreeffamaa turuus himaniiru.

Aangoonis uummataan akka argamu uummatni hojiin nutti agarsiiseera jedhan.

Itti aanaan walitti qabaa mana marichaa Obbo Mogos Ida’ee gama isaaniin, filannoo hirmaachisaafi diimokiraatawaa ta’e geggeessuuf mootummaan xiyyeeffannoon hojjechaa turuu ibsanii, fooyya’insa argame cimsaa hanqinoota jiran immoo furaa deemuun barbaachisaa ta’uu ibsan.

Uummannis kutannoo olaanaan aarsaa barbaachisu kaffalee filachuu isaaf galateeffataniiru.

Komii sagalee kennuun walqabatee jirus boordii filannootti yeroon komii dhiyeeffachuun akka dandaa’amu kan eeran Obbo Mogos, ammas paartileen siyaasaa qindoominaan hojii misoomaafi dhimma dantaa biyyaalessaarratti waliin hojjechuu akka qabanis yaadachiisaniiru.

Yaa’ii kanarrattis hanqinaaleefi ciminoonni filannoo waliigalaa 7ffaarratti turan miseensota mana maree waloo paartilee siyaasaa biraa ka’uun irratti mari’ataniiru.

Miseensonni mana maree waloo paartilee siyaasaas yaada kennaniin, filannoo Caamsaa 24 bara 2018 geggeeffame bu’aa sagalee uummataa kabajuun fudhachuun barbaachisaa ta’uu ibsanii, biyya kabaja qabduufi addunyaarratti beekamtu gochuuf yeroo kamiyyuu waloon hojjechuu qabna jedhaniiru.

Akka Oromiyaattis filannoo waliigalaa 7ffaa irratti paartileen siyaasaa bilisaan socho’aa turuu kan ibsan miseensonni mana marichaa, hawaasnis hanga halkaniitti dhaabatee filachuun jaalala biyyaaf qabu agarsiiseera jedhan.

Kan mo’ate paartii tokko qofa osoo hin taane uummata Itiyoophiyaati jedhanii paartiin mootummaa hundeessus adaraa guddaan akka itti kenname beekuun cimsee hojjechuu akka qabus ibsuusaanii ragaan Kominikeeshinii Oromiyaarraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment