Filannoon waliigalaa 7ffaan sirni siyaasaa haaraan baramaa dhufuu agarsiiftuudha – Pireezidaanti Taayyee

Finfinnee, Waxabajjii 14, 2018(FMC) – Filannoon waliigalaa 7ffaan sirni siyaasaa fi diimookiraasiin haaraan baramaa dhufuu agarsiiftuudha jedhan Pireezidaantiin FDRI Taayyee Atsiqasillaaseen.

Boordiin Filannoo Biyyaalessaa Itiyoophiyaa sagantaa ifoomsa bu’aa filannoo Waliigalaa 7ffaa gaggeessera.

Filannoo kanaan beekumsi siyaasaa haaraan baratamuu danda’eera jedhan Pireezidaanti Taayyeen saganticharratti ergaa dabarsaniin.

Filannoo mootummaan ummanni filannoof aantummaa qabaachuu caalmaatti hubateedha jedhan.

Kunis sirni siyaasaa fi diimokiraasii haaraan lafa qabachaa dhufuu agarsiiftuu ta’uu eeran.

Filannichi ummata Itiyoophiyaaf siyaasa qofa osoo hin taane, taateen hawaasummaa, Abdii, jaalallifi waliif yaaduun kan itti mul’ate ta’uu dubbachuun, lammiilee biyyattii hunda galateeffataniiru.

Kennaa guddaan filannoo guddina waaraa fi tasgabbii ta’uu kan eeran Pireezidaanti Taayyeen, filannichi nageenyaa waareessuu fi diimokiraasii dagaagsuuf gahee olaanaa qabaachuu ibsan.

Filannoon ala qaamoleen aangoo argachuuf yaalaan gareewwan sirna durii leellisaan jiraatanis,barichi diimokiraasii siyaasaa, afaan isaa ammoo filannoo fi filannoo qofa ta’uu hubachuun gareewwan kunneen daandii isaanii sirreeffachuu qabu jedhan.

Sagaleen uummataa mallattoo kabajaafi ittigaafatamummaa waan ta’eef, hunduu bu’aa sagalee ummataa kabajee guddina Itiyoophiyaaf hojjechuu qabu jechuun hubachiisan.

Miikiyaas Ayyalaatiin

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment