Finfinnee, Adoolessa 14, 2018 (FMC) –Poolisiin Federaalaa Galmeen qorannoo miseensota garee yakka balaafamaa 17 Ministeera Haqaaf ergeera.
Poolisiin Federaalaa Itiyoophiyaan garee yakka gurmaa’aa miseensota 17 qabu kan kallaattii Baha biyyaatiin Jibutiifi Yameniin gara Sa’ud Arabiyaatti karaa seeraan alaatiin namoota ergaa turaniifi miidhamtoota irraa Birrii biiliyoona 1 ol fudhatan to’annoo jala oolchuun galmee qorannoo ragaa namaafi sanadaan gurmeessee Ministeera Haqaaf erguu isaa ibseera.
Gareen kun yakka itti yaadameen nama daddabarsuu fi daldala namootaa irratti kan bobba’ee fi Mohaammad Xaahir Adan (Wardii) jedhamuun kan dursamuudha.
Shakkamtoonni cancala daddabarsa namoota seeraan alaa diriirsuun, miidhamtoonni karaa Yeemen Sa’ud Arabiyaa galanii jireenya fooyya’aa jiraatu jedhanii abdii kennuu fi amansiisuudhaan qaama kutaalee biyyattii garaa garaa irraa karaa faddaaltootaan miidhamtoota funaananii ergaa turuu isaanii pooliisiin mirkaneesseera.