Finfinnee, Adoolessa 15, 2018(FMC)- Gareen seeraan alaa ABUT dargaggoota ukkaamsuun gara kaampii leenjiitti galchaa jira jedhan jiraattonni naannoo Tigraay.
Gareen seeraan alaa ABUT waamicha nageenyaa mootummaan Ida’amuu irra deddeebiin dhiyeessuufitti dugda gatuun dibbee waraanaa dhahaa kan jiru yoo ta’u garichi filmaata nageenyaa waliigaltee Piriitooriyaan argame cinaatti dhiisuun bulchiinsa yeroo naannichaa diiguun waraanaaf watwaachaa jira.
Guutuu naannichaarraa dargaggoota ukkaamsuun kaampiiwwan leenjii loltummaa naannichaafi Eertiraatti galchaa jiraachuu jiraattonni kunneen eeraniiru.
Maatiin dargaggoota kanneenii qophii garichi waraanaaf taasisaa jiruuf ijoolleen isaanii gara kaampii waraanaatti akka hin geeffamneef yaaddoo cimaa keessa kan jiran yoo ta’u dargaggoota fudhataman deebisuuf wal’aansoo godhamuun hedduun ajjeefamuus ibsaniiru.
Leenjii loltummaa garichaa Godina Bahaa aanaa Tsiraa’i Wambarta magaalaa Hayiq Masaahilitti argamutti dargaggootarratti dararaan raawwatamaa jiraachuu jiraattonni naannawichaa Faanaa Diijitaaliif odeeffannoo gahaniiru.
Dargaggoonni ukkaamfaman akka hin miliqneef hidhattoota garichaan marfamanii kan eegaman ta’uus jiraattonni kunneen ibsaniiru.
Kana malees godinicha aanaa Atsaabii Wambartaa gandoota garaagaraa keessatti kaampiiwwan loltummaa dargaggootarraan dararaa cimaa geessisan jiraachuu eeraniiru.
Aanichatti Adoolessa 14, 2018 hoggantoonni aanichaafi humni hidhatee naannawicha jiru ‘Armi 92’ jiraattota dirqiin walitti qabuun “Tigraay kan warra qabsaa’aniif qofa, mana tokkoon tokkoo keessanii keessaa ijoollee tokko tokko ni gabbartu” jechuun uummata doorsisaafi boochisaa akka ture odeeffannoon naannawicharraa nu gaheera.
Kanarraa ka’uun hawaasni garichi halkan dhufee ijoollee keenya fudhata yaaddoo jedhu keessa galeera.
#Oromia #Ethiopia