Finfinnee, Waxabajjii 15, 2018 (FMC)- Godina Harargee Bahaatti bara kana Sagantaa Ashaaraa Magariisaan biqiltuuwwan gosa adda addaa miiliyoona 300 fi miiliyoona 50 dhaabuuf qophiin xumurame jedhe Waajjirri Qonnaa godinichaa
Itti Gaafatamaan Waajjira Qonnaa Godinichaa Obbo Abdii Ahimad godinichatti bara kana biqiltuuwwan miiliyoona 300 fi miiliyoona 50 dhaabuuf qophaa’uu himan.
Wayita ammaa buufataaleen biqiltuu kuma 1 fi 400 ol keessatti biqiltuuwwwan gosa garagaraa miiliyoona 350 dhaabbiif qophaa’uu dubbatan.
Biqiltuuwwan bara kana dhaabaman keessaa %60 ol nyaataaf kan oolan ta’uu kan himan Obbo Abdiin , ji’a Arfaasaa irraa eegalee ooyiruu qonnaan bulaa dhuunfaa dabalatee iddoowwan jiidhiinsi jirutti biqiltuuwwan nyaataaf oolan itti fufiinsaan dhaabamaa jiraachuu himan.
Keessattuu oomisha Avokaadoof xiyyeeffannoo kennameen bara kana biqiltuun avokaadoo diqaalome kuma 300 ol kilaastaraan misoomsuuf hojjatemaa jiraachuu kaasan.
Godinichatti waqtii bonaa hojii misooma sululaatiin sululoota 498 keessatti hojiin eegumsa biyyee fi bishaanii gaggeeffamuu eeruun, Sululoota kanneen keessatti boolli dhaabbii biqiltuu qophaa’uu ibsaniiru.
Nageessoo Kadiiritu gabaase.