Gootummaa Boonsaa Raayyaa keenyaa Galmeessuufi Gabaasuu Barbaachisa – Meejer Jeneraal Indaalkaachoo Walda-kidaan

Finfinnee, Adoolessa 4, 2018 (FMC) – Gootummaa boonsaa Raayyaa keenyaa galmeessuufi gabaasuu barbaachisaa jedhan Hogganaan Giddugala Miidiyaa fi Koominiikeeshinii Ittisa Biayyaa Meejer Jeneraal Indaalkaachoo Walda-kidaan.

Ogeeyyii miidiyaa ajajaa fi kutaalee adda addaa irraa walitti babahaniif giddugala miidiyaa fi koominiikeeshinii Ittisa Biyyaatiin leenjiin kennameera.

Sagantaa xumura leenjii kanaa irratti Meejer Jeneraal Indaalkaachoo Walda-kidaan ergaa dabarsaniin, Raayyaan waraanaa hojii biyyaalessaa itti kenname fi ergamni milkaa’aan raawwatu akkaataa maluun hin ibsamneef jedhan.

Adeemsa kana sirreessuuf, gaazexeessitoota loltummaa gootota dadhabbii Raayyichaa hubachuun gabaasanii fi olola sobaa diinotaa fashaleessan horachuu akka barbaachisus hubachiisan.

Gootummaan boonsaan Raayyaan waraanaa raawwatu miidiyaaleedhaan uummata bira akka gahu hojjechuun akka barbaachisus ibsaniiru.

Keessattuu, yeroo ammaa kanatti humnoota maqaa fi beekamtii Raayyaa balleessuuf yaalan hordofuun olola sobaa isaanii saaxiluun akka barbaachisu eeraniiru.

Lafa fi samiidhaan alatti, hiriirri miidiyaa tokko carraaqqii waraanaa dabalataa waan ta’eef, hojiin abjuu diinaa fashaleessuu dandeessisu hojjetamuu ibsaniiru.

Leenjitoonnis dandeettii argatanitti fayyadamuun, ergama guyyaa guyyaa Raayyichi raawwatuu fi gootummaa boonsaa isaa hordofuun galmeessuu gabaasuutu irraa eegama jedhaniiru.

Raayyan Ittisa Biyyaa kompleeksii miidiyaa guddaa ijaaraa akka jiru eeranii, gara fuulduraatti bal’inaan kan hojjetamu ta’uu ibsuu isaanii, odeeffannoo miidiyaan onlaayinii Ittisa Biyyaa Faanaa Dijiitaaliif erge ni agarsiisa.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment