Guyyaa Filannoo waliigalaa Itiyoophiyaa 7ffaaf guyyoota sadii qofatu hafe

Yeroo ammaa kana hawaasni bal’aan kan sagaleesaa kennus ta’e kan biroo, Boordiin Filannoo Biyyaaleessaa fi dhaabbileen dhimmi ilaallatu hundi qophii isaanii xumuraa jiru.

Buufataaleen filannoo naannoo garaagaraatti qophaa’anii, meeshaaleen filannoof barbaachisanis gara buufataalee filannoo Boordii Filannoo jala jiraniif raabsamaa jiru.

Kunis filannichi karaa naga qabeessa, bilisaa fi amanamaa ta’een akka filatamuuf carraaqqii taasifamaa jiru agarsiisa.

Adeemsa kana keessatti gaheen miidiyaalee baay’ee murteessaadha.

Miidiyaaleen odeeffannoo sirrii, madaalawaa fi yeroo isaa eeggate hawaasa biraan gahuun filannoo irratti hubannoo uumuun dirqama isaanii bahachuu qabu.

Akkasumas odeeffannoo sobaa, dogoggoraa fi jeequmsa kaasuu malan akka bakka hin arganne hojjechuu qabu.

Filannichi karaa haqa qabeessa fi amanamaa ta’een akka filatamuuf qaamoleen taajjabdoota biyya keessaa fi alaa hundi qophii isaanii xumuraa jiru.

Taajjabdoonni filannoo taajjabuuf dhufanis adeemsa filannoo keessatti haqa, iftoomina fi nageenya mirkaneessuuf ni hojjetuun eegama.

Hirmaannaan uummatni filannoo keessatti taasisu mootummaa uummataan deeggaramu ijaaruu keessatti murteessaadha.

Kanaafuu,qaamni hundi itti gaafatamummaa isaa hubatee, filannoo milkaa’aa fi amanamaa ta’e mirkaneessuuf tattaaffii taasifamaa jiru cina dhaabbachuu qaba.

Filannoon haqa qabeessaa fi amanamaa ta’e biyya jabduu ijaara!!

Itiyoophiyaan ni filatti!

Gammachiis Taarikuutiin

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment