Guyyaa hawwii guddaan eegamtu….

Finfinnee, Fulbaana 1, 2019 (FMC) –Baatiiwwan waqtii gannaa firaafi aanteen dhihoofi fagoo jiru dhimmoota garaagaraan ko’oommatee walirraa fagaata.

Kaan hojii qonnaan, kaan sadarkaa barnootaa isaa fooyyeffachuuf barnootaaf gara magaalaa/ iddoo biraatti imaluun, kaan ammoo fira fagoo jiru biratti ganna dabarsuuf fira tokkorraa fagaatee jiraata. Hunduu dhimma dhuunfaa isaaf asiifi achi kaata.

Waqtii gannaa namoota sababa garaagaraan walirraa fagaatan qofa osoo hin taane ollaa dhumtiyyuu ko’oommachuurraan kan ka’e taa’ee yaadaafi waan qabu waliif qooduuf yeroon isa hanqata.

Kanaaf uummanni Itiyoophiyaa guyyaa bacaqii gannaafi booqaa birraaf riqicha taate Fulbaana 1 simachuuf wagga waggaan hawwii guddaan eega.

Uummanni biyyattii wagga waggaan Fulbaana 1 cidha guddaa qaba. Cidha kanas Ayyaana bara haaraa jedheetu waama.

Ayyaanni bara haaraa uummata Itiyoophiyaaf taatee guyyaa tokkoo qofa miti, bu’uura hariiroo hawaasummaatis.

Kan walitti mufatee ture yaadaa isaa jijjiirratee araaraafi dhiifamaaf harka walfuudha; balleessaa koof naa dhiisi anis siif dhiiseeraa jedheetu araara buusa.

Ayyaana bara Haaraatti maatiin walitti dhufu, firoonni fi hiriyoonni akkasumas ollaan mana walii deemuun nyaataafi dhugaatii qophaa’u waliin dhandhamu; gammachuu qooddatu.

Kanaaf guyyaa kana nyaataafi dhugaatii yookaan ammoo mijuu qophaa’e qofa osoo hin taane duudhaaleen gaggaariin hariiroo hawaasummaa gabbisan kanneen akka jaalalaa, wal kabajaa fi naatoo waliif qabaachuu kan itti jabaatanidha.

Keessumaa waggoota jijjiiramaa darban keessa namoonnifi dhaabbilee hedduun fakkeenyummaa Ministira Muummee Dooktar Abiy Ahimad hordofuun wayita ayyaanaa namoota harka qalleeyyii ayyaana kabajuuf humna hin qabneef deeggarsa gochuu aadaa godhachaa jiru.

Akkuma Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad “Kan qabnurraa haa qoodnu; gammachuu haa hirmaannu; wal haa deggerru; ayyaanicha waloon kan qabnurraa qoodnee yaadannoowwan qalbii fi lubbuu keenya sooran uumuun haa dabarsinu” jedhan gochoonni wal gargaarsaa fi waliif birmannaa wayita ayyaana bara haaraas ta’e ayyaanota biroo raawwataman hariiroo hawaasummaa itichuu keessatti qooda olaanaa qabu.

Abbootiin amantaalees ergaa baga bara Haaraan isin gahee dabarsaniin, bara haaraa araara, tumsaan hojjechuun fi Warreen rakkatan gargaaruun kabajuun barbaachisaa ta’uu dhaaman.
Egaan duudhaaleen gaggaariin kunneen bu’uuraalee hariiroo hawaasummaa kanneen cimsanidha.

Walumaagalatti Ayyaanni bara haaraa abdii haaraafi egeree gaarii itti waliif hawwan, hariiroo fi tokkummaa cimsan waan ta’eef, bara 2019 gammachuu, jaalala, kan walitti mufate dhiifamaafi araaraan, wal kabajaa fi kan qabu isa hinqabneef qooduun haa simannu.

Ayyaanaa Dheeressaan.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment