Har’i Itiyoophiyaaf guyyaa seenaa addaati – Dooktar Warqinaa Gabayyoo

Finfinnee, Adoolessa 8, 2018 (FMC) – Barreessaa Olaanaan Dhaabbata Misoomaa Mootummoota Baha Afrikaa Dooktar Warqinaa Gabayyoon sirna baniinsa maree biyyaalessaa Itiyoophiyaarratti argamuun ergaa dabarsaniiru.

Itiyoophiyaan biyya seenaa bara dheeraa qabdudha jedhan.

Furtuun cabiinsa ishee mudatee harka ishee jira kan jedhan Dooktar Warqinaan, mariin gaggeeffamaa jiru kun aadaa seenaa Itiyoophiyaa keessatti boqonnaa haaraa kan uumu ta’uu kaasan.

Waltajjii kanaan aadaan garaagartee fi waldhabdee afaan qawwee fi humnaan furuuf yaaluu xumura argachuu qaba jedhan.

Rakkoolee hunda marii fi marabbaan furuuf waltajjii murteessaa ta’uu kaasan.

Seenaan Itiyoophiyaa gara fuulduraa kan hojjetamu marii fi marabbaa qofaan ta’uu akka qabu kaasan.

Mariin kun marii biyyoota Afrikaa fi addunyaaf fakkeenya ta’e akka ta’u abdii guutuun qaba jedhan.

Comments (0)
Add Comment