Finfinnee, Onkololeessa 7, 2019 (FMC) –Hiriirri ummataa Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaru magaalotaa Naannoo Amaaraa Garaagaraatti gaggeeffameera.
Haaluma kanaa Magaalaa Goondar, Ganda Bishaanii, Saqoxaa, Dabra Taaboor, Waldiyaa fi kanneen birootti dhaadannoowwan adda addaan gaggeeffameera.
Jaarsoliin biyyaa, Abbootiin Amantaa, dargaggoonnii fi kutaaleen hawaasaa garaagaraa hiriiricharratti argamaniiru.
Jiraattoonni kunneren daadhannoowwan Raayyaan Ittisa Biyyaa mallattoo biyyaalessa keenyaati, baandaan garaasaaf, Raayyaan Ittisa Biyyaa ummata keenyaaf, tokkummaadhaa fi kanneen biroo dhageesisaniiru.
#Itiyoophiyaa #BiyyaGuddoo #UummataGuddaa #MullataGuddaa