Finfinnee, Adoolessa 12, 2018 (FMC) – Hirkattummaan Naannoo Oromiyaa gadi bu’eera jedhen Pireezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Shimallis Abdiisaan.
Manneen barnootaa kuma 3 ol irra ka’uun amma kuma 30 gahuu fi barattoota miiliyoona 1 irra gara miiliyoona 12 tti guddisuun danda’amuu kaasan.
Mootummaan Naannoo Oromiyaa ummata barnootaa, teeknooloojii, akkasumas diinagdeen ijaaruuf karoora qabate yoo hojiirra oolche aduun diinoota ni dhaamti jedhan.
Karaan waraanaa kara badii akka ta’ee ummannii beekee filannoo qofan hiree murteeffachuun akka danda’amu ummanni murteesseera jechuun ibsan.
Marii fi marabbadhaan rakkoo firuun akka danda’amuuf ummanni hubannoo argateera jedhan.
Invastimantiin naannoo Oromiyaa kan qubaan lakka’amu keessaa bahuun kuma 43 qaqqabeera.
Guddinni damee qonnaas jijjiirama as dachaan dabaleera jedhan.
Dameelee hundaan jijjiiramoonni dinqisissoon galmaa’uu eeran.
Karoorri waggaa shanii akkaataa Naannoon Oromiyaa of danda’uun biyyattii utubuu danda’u qophaa’aa jira jedhan.
Qormaata guddaa keessatti caffeen mootummaa cimsee hoggansa isaa cimsaa balaawwan dhufan ummanni akka qolatu taasiseera jedhan.
Hanqinaalee fi dogogorota turan irra barnoonni fudhatamuu himan.
Ce’umsa Diinagdee fiduuf ogeessi keenya ogummaa isaa barnootaan ceessisuu qaba. Ummanni keenyas, ogummaa isaa daran fooyyessuun hojii hojjetu irratti sona dabaluu qaba jedhan.
Oomishtummaan yoo guddate rakkoo dhufu kamiyyuu dandamannee gara fuula duraatti deemuu dandeenya. Wabii nyaataas ni mirkaneessina jechuun kaasan.
Carraan Ummanni keenya nuuf kenne kanatti fayyadamnee ce’umsa guddaa fiduuf ammoo gamtaan hojjechuun barbaachisaa ta’uu himan.
Tsahaay Gulummaatiin
#Oromia #Ethiopia