Finfinnee, Caamsaa 10, 2018 (FMC) – Hojiileen birmadummaa daataarratti hojjetaman jireenya lammiilee fooyyessuuf tajaajiluu qabu jedhan Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad.
Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad Yaa’ii biyyaalessaa mata duree “Birmadummaa odeeffannoo bilisummaa imaammataaf” jedhuun qophaa’e irratti argamuun imala guddiana daataa fi Istaatiksii Itiyoophiyaarratti yaada kennaniiru.
Tajaajilli Istaatiksii Biyyaalessaa Sirna daataa ammayyaa saatalaayitii, diroonii fi qubsamaan deeggaramee diriirsuun lammiilee Itiyoophiyaa hundaaf injifannoo guddaa ta’uu ibsan.
Ragaaleen namoota kumataama hirmaachisuun walitti qabamuun hojiirra oolan guddina biyyattii yeroo itti aanuu fi ijaarsa biyyaaf qooda olaanaa qabaachuu dubbatan.
Malli ragaa walitti qabuu, xinxaaluu fi dhiyeessuu biyyoota muraasa qofatti mul’atu, ogeeyyii biyyyaan ilaaluu danda’uun injifannoo boonsaa ta’uu himan.
Adeemsa ragaa walitti qabuu keessatti ragaa qabatamaan dirreerraa walitti qabuun gatii olaanaa qabaachuu kaasan.
Galmi dhumaa daataa walitti qabamuu jieenya namaa tuquu, fooyyeessuu fi bu’aa galmeessuu danda’uu akka qabu hubachiisuun, jireenya lammiilee fooyyesuuf tajaajiluu qaba jedhan.
#Oromia #Ethiopia