Finfinnee, Onkoloolessa 30, 2018 (FMC) – Hojiileen Itiyoophiyaan oomisha misooma ruuziin of danda’uuf eegalte bu’aa argamsiisaa jira jedhe Ministeerri Qonnaa.
Tarsimoon Itiyoophiyaan oomisha ruuziin of danda’uuf eegalte xiyyeeffannoon olaanaan kennameefi hojjetamaa jiraachuu Ministeera Qonnaatti Hojii raawwachiisaan damee oomishaalee Isaayyaas Lammaa dubbataniiru.
Itiyoophiyaan milkaa’ina qamadiin galmeessite tooftaa walfakkaataan oomisha ruuzii irratti hojiirra oolchuuf hojjechaa jirti jedhan.
Haaluma kanaan naannoolee garaagaraatti qonnaan bultoota kilaasteran gurmeessuun gara hojitti galamuu isaan bu’aan argamaa jiraachuu fi fedhii ruuzii biyya keessaa guutuuf hojiileen eegalaman firii buusaa jiraachuu kaasaniiru.
Oomishaa fi oomishtummaa ruuzii guddisuuf hojiileen heddu hojjetamuu eeruun, bakkewwan oomishaa adda baasuu fi babal’isuu akkasumas teeknooloojiin deeggaruun hojiilee ijoo hojjetaman ta’uu himuu isaanii TOI gabaaseera.
Wayita ammaa lafti heektarri miiliyoonni 1fi kumni 600 ol oomisha ruuziin uwwiffamuu kaasuun, oomisha kuntaala miiliyoona 76 walitti qabuuf karoorfamuu eeraniiru.
Kana keessaa lafti heektarri miiliyoonni 1fi kumni 200 ol kilaasteran misoomuu ibsaniiru.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.