Finfinnee, Adoolessa 14, 2018 (FMC) – Hojiin guutinsa konkiriitii boqonnaa jalqabaa pirojektii madda Anniisaa Kooyishaa milkaa’inaan xumurameera.
Pirojektiin kun damee misooma Anniisaa Itiyoophiyaa keessatti Hidha Haaromsa Guddicha Itiyoophiyaa fi Buufata Madda Anniisaa Gibee-3ffaatti aanee sadarkaa 3ffaarratti kan argamu ta’uu Mahaandisiin Siiviilii Piroojektichaa Yittaagasuu Ayyaalew eeraniiru.
Osoo hojiin guutinsaa hin hojjetaman dura biyyoon Meetir Kiyuubiin miiliyoonni 7 ka’uu isaa ibsan.
Yeroo ammaa hojii guutinsa konkiriitii waliigalaa meetira kiyuubii miiliyoona 7.725 keessaa meetira Kiyuubiin miiliyoona 6.2 ol kan ta’u guutinsi konkiriitii cufaa milkaa’inaan xumurameera jedhan.
Ijaarsa pirojekticaa saffisiisuuf sa’aatii 24 dabaree lamaan hojjetamaa jiraachuu kaasan.
Ji’aan giddugaleessaan Konkiriitiin cimaan Meetir Kiyuubii kumni 100 ol guutamaa jiraachuu eeran.
Yeroo ammaas olka’iinsi hidhichaa qixa galaanaarraa meetira 623 irra gahuu ibsan.
Hojiin guutinsa boqonnaa 2ffaa eegalamuuf qophiin taasifamaa akka jiru dubbatan.
Piroojektichi Tarbaayinoota 6 kan tokkoon tokkoo isaanii anniisaa meegaa waattii 300 maddisiisuu danda’an kan qabu ta’uu himuu ragaan Humna Elektirikaa Itiyoophiyaarraa argame ni mul’isa.
#Oromia #Ethiopia